LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • “Isaanitti In Oriʼe”

      8. Naabaal eenyuun arrabse? Kun gowwummaa guddaa ture kan jettu maaliifi?

      8 Naabaal haalli Abigaayil caalaatti rakkisaa akka taʼu gochaa jira. Namni inni arrabse Daawit isa beekamaa taʼedha. Daawit nama amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluufi Saamuʼel raajichi bakka Saaʼol buʼee mootii akka taʼu isa dibedha. (1 Sam. 16:1, 2, 11-13) Daawit, Saaʼol Mooticha isa itti hinaafuufi isa ajjeesuu barbaadu jalaa baqatee loltootasaa amanamoo taʼan 600 wajjin lafa onaa keessa jiraachaa ture.

  • Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 12 Naabaal yeroo kanatti garmalee dheekkame. Dargaggeessi seensarratti caqasame, “Gooftaan keenya garuu isaanitti in oriʼe” jechuudhaan haalasaa Abigaayilitti himeera. Naabaal nyaata, bishaaniifi foon gaggaarii isa ofiisaatiif qopheeffate mararsiifachuudhaan sagaleesaa ol fuudhee iyye. Naabaal, Daawit nama gatii hin qabneefi gooftaasaa jalaa baqate akka taʼe ibsuudhaan isa arrabse. Ilaalchi Naabaal ilaalcha Saaʼol isa Daawitiin jibbuu wajjin kan wal fakkaatu ture. Namoonni lamaanuu ilaalcha Yihowaa hin qaban turan. Haataʼu malee, Waaqayyo Daawitiin ni jaallata; akkasumas akka hojjetaa gooftaasaarratti kaʼetti utuu hin taʼin, nama gara fuulduraatti mootii Israaʼel taʼu akka taʼetti isa ilaala ture.—1 Sam. 25:10, 11, 14.

  • Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • 14. (a) Abigaayil dogoggora Naabaal raawwate sirreessuuf jalqaba tarkaanfii akkamii fudhatte? (b) Garaagarummaa Naabaaliifi Abigaayil gidduu jiru hubachuudhaan barumsa gaarii akkamii argachuu dandeenya?

      14 Abigaayil dogoggora cimaa kana sirreessuuf tarkaanfii isa jalqabaa fudhatte. Abbaa manaashee Naabaalirraa haala adda taʼeen dhaggeeffachuuf fedhii akka qabdu argisiisteetti. Dargaggeessichi dhimmicha Naabaalitti maaliif akka hin himne yommuu ibsu, inni “Nama waan tokkoof iyyuu waaʼee hin baafne waan taʼeef, namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandeenye” jedheera. (1 Sam. 25:17) Kan nama gaddisiisu, ilaalchi Naabaal ofiisaatiif qabu warra kaan akka hin dhaggeeffanne isa godheera. Yeroo harʼaattis of tuulummaan akkasii baayʼee baramaadha. Haataʼu malee, dargaggeessichi gara Abigaayil kan dhaqe isheen nama addaa taʼuushee waan hubateef akka taʼe beekamaadha.

      Naabaalirraa haala adda taʼeen, Abigaayil dhaggeeffachuuf fedhii qabdi turte

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi