LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dammaqinaafi Obsaan Eeggateera
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Adoolessa 1
    • Raajiin Yihowaa kun, karaa Ahaab deemerra isa duukaa bu’e. Karaa dheeraa, dukkanaafi raareetu isa eeggata ture. Sana booda garuu wanti haaraan tokko ni raawwatame.

      “Waaqayyo humna isaa Eliyaasiif in kenne; Eliyaas immoo wayyaa isaa sassaabbatee mudhiitti suuqqatee, Ahaab dura bu’ee hamma Yizre’elitti in fiige.” (Lakkoofsa 46) ‘Humni Yihowaa,’ Eliyaas wanta humna namaatii ol ta’e akka raawwatu isa gargaaree akka ture beekamaadha. Yizre’el gara kiilomeetira 30 kan fagaattu ta’uusaarrayyuu, Eliyaasimmoo dulluma jala ga’ee ture.e Raajichi akka gaariitti fiiguuf jecha wayyaasaa mudhiitti suuqqatee, daandii bokkaan raaresserra fiiguudhaan konkolaataa fardaa mootichaa bira yommuu darbu sitti haa mul’atu!

      Kun Eliyaasiif eebba guddaa mitii? Jabinaafi humna tarii yeroo dargaggummaasaattillee hin qabne akkasii qabaachuunsaa, baay’ee isa gammachiisee ta’uu qaba. Kunimmoo, raajiiwwan namoonni amanamoo ta’an jannata dhuftu keessatti fayyaa guutuufi humna qabaatanii akka jiraatan dubbatan nu yaadachiisuu danda’a. (Isaayaas 35:6; Luqaas 23:43) Eliyaas karaa dhoqqee sanarra yeroo fiigu, Abbaasaa Yihowaa biratti fudhatama qabaachuusaa akka beeku homaa hin shakkisiisu!

  • Dammaqinaafi Obsaan Eeggateera
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Adoolessa 1
    • e Kana booda Yihowaan, Eliyaas Elsaa’in akka leenjisu godhe. Elsaa’i booddee ‘gargaartuu Eliyaas’ ta’eera. (2 Mootota 3:11) Elsaa’i, raajii dulloome kana gargaaruudhaan hojjetaasaa ta’ee tajaajileera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi