-
Hamma Dhumaatti Jabaatee DhaabbateeraFakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
-
-
Eliyaas gad of qabuudhaan deebii isaa Yihowaadhaaf dhiise. Yihowaan, Elsaaʼi Waaqayyo yommuu inni raajicha maanguddoo taʼe kana fudhatu akka argu yoo godhe, Waaqayyo wanta Elsaaʼi gaafate kana ni kennaaf jechuu dha. Utuma baayʼee hin turin, michoonni yeroo dheeraa waliin turan kun “utuu isaan walii wajjin haasaʼaa adeemuutti jiranii” wanti dinqisiisaan tokko ni raawwatame!—2 Mootota 2:10, 11.
Michummaan Eliyaasii fi Elsaaʼi yeroo rakkoowwan isaan mudatanitti jabaatanii dhaabbachuuf akka isaan gargaare beekamaa dha
Ifni cimaan tokko samii irratti mulʼachuudhaan gara isaanitti dhihaachaa deeme. Wanti kun, sagalee qilleensaa guddaa akka tasaa dhufu, qaama ifa guddaa qabuu fi jara kana lamaanitti dhufaa jiru, tarii akka addaan baʼanii fi sodaadhaan gara duubaatti akka deeman kan isaan taasisu akka taʼe tilmaamuu dandeenya. Wanti isaan argan kun konkolaataa fi gaarii fardaa akka waan ibidda irraa tolfamanii calaqqisani dha. Eliyaas yeroon inni itti deemu akka gaʼe beekee ture. Konkolaataa kana ni yaabbataa laata? Kana ilaalchisee seenaan kun wanta ibsu hin qabu. Kanas taʼe sana, Eliyaas ol kaʼaa, samiitti ol sokkaa, qilleensa jabaadhaanis ol fudhatamaa deemeera.
-
-
Hamma Dhumaatti Jabaatee DhaabbateeraFakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
-
-
Eliyaas sana booda eessa dhaqe laata? Amantiiwwan tokko tokko Waaqayyo wajjin taʼuuf gara samiitti akka ol fudhatame barsiisu. Kun garuu wanta taʼuu hin dandeenye dha. Waggoota hedduu booda, Yesuus Kiristoos gara lafaa dhufuu isaa dura homtuu gara samiitti akka ol hin baane dubbateera. (Yohaannis 3:13) Kanaafuu, “Eliyaas qilleensa jabaadhaan gara waaqaatti ol in sokke” jennee yommuu dubbisnu, ‘Samii isa kam?’ jechuudhaan gaafachuu qabna. (2 Mootota 2:11) Kitaabni Qulqulluun jecha samii ykn “waaqa” jedhu bakka Yihowaan jiraatu qofa utuu hin taʼin, naannoo qilleensaa lafa marse, jechuunis bakka duumessi jiruu fi simbirroonni keessa balaliʼan argisiisuufis itti fayyadama. (Faarfannaa 147:8) Eliyaas kan ol baʼe gara samii ykn waaqa ijaan mulʼatu kanaatti dha. Achii booda hoo?
Yihowaan raajii jaallatamaa taʼe kana naannoo mootummaa Yihudaatti dhihoo jirutti jijjiiruudhaan hojii haaraa kenneef. Kitaabni Qulqulluun, Eliyaas bakka kanatti tarii waggaa torbaa oliif hojjechaa akka ture ibsa. Yeroo sana Yihudaa kan bulchu Yoraam Mooticha isa hamaa ture. Mootiin kun intala Ahaabii fi Iizaabel waan fuudheef dhiibbaa hamaan isaanii amma iyyuu itti fufeera. Yihowaan Eliyaas xalayaa ergaa murtii qabate Yoraamiif akka barreessu isa ajaje. Akkuma raajiidhaan dubbatame Yoraam haala suukanneessaa taʼeen duʼe. Seenaan isaa, “Yeroo inni duʼe namni isaaf hin gaddine” jechuudhaan xumura.—2 Seenaa 21:12-20.
-