LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
    • Ahaaziyaan haaloo baʼuuf, Eliyaasiin akka qabaniif loltoota 50 ajajaa isaanii wajjin erge. Eliyaas “roggee tulluu irra taaʼee utuu jiruu”a ajajaan loltootaa kun, haala isa ajjeesisuuf akka yaadame argisiisuun maqaa mootichaatiin, “Kottuu gad buʼi” jedhee isa ajaje. Mee yaadaa! Loltoonni kun, Eliyaas “nama Waaqayyoo” taʼuu isaa kan beekan taʼu illee, humnaa fi doorsisatti fayyadamuun sirrii akka taʼe yaadaniiru! Namoonni kun baayʼee dogoggoraniiru! Eliyaas, “Yoo ani nama Waaqayyoo taʼeef, ibiddi waaqa irraa gad buʼee, sii fi loltoota kee shantamman xaph haa godhu!” jechuudhaan ajajichatti dubbate. Waaqayyos tarkaanfii fudhate. Achiis ‘ibiddi waaqa irraa gad buʼee, isaa fi loltoota isaa shantamman xaph in godhe.ʼ (2 Mootota 1:9, 10) Badiisni gaddisiisaan loltoota kana irra gaʼe, Yihowaan namoonni tajaajiltoota isaa yommuu tuffatan ykn salphisan akka laayyootti kan hin ilaalle taʼuu isaa ifatti kan mulʼisu dha.—1 Seenaa 16:21, 22.

  • Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
    • Eliyaas namoonni naannoo isaa jiraatan mata jabeeyyii fi finciltoota taʼanis jabaatee dhaabbachuu kan dandaʼe akkamitti? Gaaffiin kun yeroo harʼaattis akka gaariitti kan hojjetu dha. Mitii? Namni isin baayʼee yaaddaniif tokko wanta gaarii isin itti himtan dhagaʼuu diduudhaan karaa badiisatti geessu irra deddeebiʼuu isaa itti fufuu isaatiin kan kaʼe abdii kutattanii beektuu? Wanta abdii nama kutachiisu akkasii obsaan dandaʼuu kan dandeenyu akkamitti? “Roggee tulluu” bakka loltoonni Eliyaasiin itti argatan irraa wanti barannu jira. Sababii Eliyaas bakka kana itti dhaqe beekuu baannus, Eliyaas kadhannaa gochuudhaan waan beekamuuf, bakki kun iddoo kophaa isaa taʼuudhaan Waaqa isaa isa jaallatamaatti kadhannaadhaan dhihaachuuf mijatu akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yaaqoob 5:16-18) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis yeroo hunda kophaa keenya taanee maqaa isaa waammachuudhaan, Waaqayyotti yaaddoo fi dhiphina keenya himachuuf yeroo ramaduu qabna. Akkana gochuun, namoonni naannoo keenya jiran dantaa kan hin qabne yommuu taʼanii fi daandii badiisa geessisu irra yommuu deddeebiʼan jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.

  • Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
    • a Hayyoonni tokko tokko tulluun as irratti caqasame, Tulluu Qarmelos bakka itti Waaqayyo waggoota muraasa dura Eliyaas raajota Baʼaal akka moʼu godhe akka taʼe dubbatu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun tulluu isa kam akka taʼe hin dubbatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi