-
Elsaa’i Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?Masaraa Eegumsaa—2013 | Hagayya 15
-
-
WANTA ELSAA’I ARGE
Waaqayyo, gaaffii Elsaa’i hafuura Eliyaas harka lama argachuuf gaafate akkamitti ilaale? Seenaansaa akkas jedha: “Utuu isaan walii wajjin haasa’aa adeemuutti jiranii, konkolaataan ibiddaa fardeen ibiddaa wajjin dhufanii, isaan lamaan gargar in baasan; yommus Eliyaas qilleensa jabaadhaan gara waaqaatti ol in sokke. Elsaa’in isa arge.”a Kun deebii Yihowaan gaaffii Elsaa’iif kenne ture. Elsaa’i yommuu Eliyaas ol fudhatamu waan argeef, hafuura Eliyaas harka lama fudhateera; kanaan kan ka’es, karaa hafuuraa raajicha dhaaluu danda’eera.—2 Mot. 2:11-14.
-
-
Elsaa’i Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?Masaraa Eegumsaa—2013 | Hagayya 15
-
-
Elsaa’i wanti inni yommuu Eliyaas qilleensa jabaadhaan samiitti ol ba’u arge, dhiibbaa guddaa isarraan geessisee ta’uu qaba. Kana malees, namni tokko yeroo hunda konkolaataafi fardeen ibiddaa akka hin argine beekamaadha. Wantoonni kun Yihowaan wanta Elsaa’i gaafate akka isaa kennu kan mirkaneessan turan. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf yommuu deebii nuu kennu, konkolaataafi fardeen ibiddaa mul’ataan nutti hin argisiisu. Haata’u malee, Waaqayyo fedhasaa raawwachuuf humna guddaatti akka fayyadamu hubachuu dandeenya. Kana malees, Yihowaan kutaa jaarmiyaasaa isa lafarraa eebbisaa akka jiru yommuu hubannu, konkolaataansaa inni samii sochii gochaa akka jiru ‘argaa’ jirra jechuun ni danda’ama.—His. 10:9-13.
-
-
Elsaa’i Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?Masaraa Eegumsaa—2013 | Hagayya 15
-
-
a Eliyaas samii iddoo Yihowaafi ergamoonni jiraatanitti ol hin baane. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 1997, fuula 15 ilaali. (Amaariffa)
-