LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Gatii Dadhabbii Keessanii In Argattu’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Hagayya 15
    • Aasaan dirree waraanaatii ennaa deebiʼu Azaariyaa raajichaa wajjin wal arge. Innis jajjabinaafi akeekkachiisa akkas jedhu kenneef: “Yaa Aasaa, isinis yaa namoota Yihudaa, yaa namoota Beniyaamin hundumti keessan mee na dhagaʼaa! Yoo isin Waaqayyo duukaa buutanii jiraattan, innis isinii wajjin in jiraata; yoo isa barbaaddatan, inni immoo isiniif in argama; isin yoo isa dhiiftan garuu, innis isin in dhiisa. . . . Gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, jabaadhaa, humni isin hin buʼin!”​—2 Sen. 15:1, 2, 7.

      Jechoonni kun amantii keenya nuu cimsuu dandaʼu. Amanamoo taanee hamma isa tajaajilletti Yihowaan akka nuu wajjin taʼu argisiisu. Gargaarsa argachuuf yommuu isa kadhannutti akka nu dhagaʼu isatti amanamuu dandeenya. Azaariyaan, “Jabaadhaa” jedhee ture. Yeroo baayʼee wanta sirrii taʼe raawwachuun jabina guddaa kan gaafatu taʼus, gargaarsa Yihowaatiin kana gochuu ni dandeenya.

  • ‘Gatii Dadhabbii Keessanii In Argattu’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Hagayya 15
    • Haataʼu malee, yaada Azaariyaa raajichi dubbate keessaa xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii kan qabu jira. ‘Yoo [Waaqayyoon] dhiiftan innis isin in dhiisa’ jedhee isa akeekkachiisee ture. Buʼaansaa baayʼee gaddisiisaa taʼuu waan dandaʼuuf matumaa kun akka nurra gaʼu heyyamuu hin qabnu. (2 Phe. 2:20-22) Yihowaan akeekkachiisa kana Aasaatti maaliif akka erge Caaffanni Qulqullaaʼoon nutti himuu baatanis, mootiin kun akeekkachiisa kana utuu hin eegin hafeera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi