LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fayyinni Isaan Barbaachisa!
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Ebla 1
    • Baay’een keenya akka namoota salgan albuuda kasalaa baasan kanaa boolla keessaa karaa baanu dhabuu ykn balaan du’aaf nu saaxilu nurra hin ga’u ta’a. Haata’u malee, hundi keenyayyuu dhukkubaafi dulluma booda gara du’aatti nu geessu jalaa kan nu oolchu nu barbaachisa. Iyoob inni Waaqayyoof amanamaa ture wanta hubate akkas jedhee ibseera: “Nama ta’ee lafa irratti kan dhalate, barri isaa gabaabaa dha, rakkinni isaa immoo baay’ee dha; inni akka daraaraatti ol in ba’a, in coollagas; akka gaaddisaatti in darba, hin turus.” (Iyo. 14:1, 2) Jechoonni kun naannoo waggoota 3,500 dura kan dubbataman ta’anillee, har’as dhugaa ta’uunsaa ifatti mul’ata; sababiinsaa, nu keessaa du’a isa diina ta’e jalaa miliquu kan danda’u jiraa? Bakka kamiyyuu yoo jiraanne fayyaa keenya eeguuf kunuunsa akkamiiyyuu yoo goone, rakkina, dullumaafi du’a jalaa kan nu oolchu nu barbaachisa.

  • Fayyinni Isaan Barbaachisa!
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Ebla 1
    • Ilaalcha Iyoob jireenyaafi du’aaf qabu fudhattes fudhachuu baates, waggoonni yommuu darbaa adeeman atis michoota, maatii, manakeefi wantoota horatte hundaarraa addaan baatee ‘akka gaaddisaatti darbuunkee’ ykn du’uunkee hin oolu. Solomoon Mootichi Israa’el inni ogeessaafi bara duriitti ture, “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan, gatii dadhabbii isaaniis deebi’anii hin argatan, seenaan isaaniis hin yaadatamu” jedhee barreesseera.—Lallaba 9:5.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi