LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
    • Michummaa Yihowaa wajjin qabdurratti wanti dagachuu hin qabne kan biraanis jira. Daawit faarfatichi, “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 34:8) Daawit yeroo Faarfannaa 34 barreessetti haala baayʼee sodaachisaa keessa ture. Saaʼol Mooticha isa isa ajjeesuu barbaadu jalaa baqachaa ture; kuniyyuu wanta baayʼee nama dhiphisudha. Achiis gara Filisxeemota diinota isaa taʼanitti baqachuun isa barbaachisee ture. Achitti yeroo haalli duʼaaf isa saaxilu isa mudatettis isaan duratti akka nama qalbii dabarsee taʼuudhaan duʼa jalaa ooluu dandaʼeera.—1 Saamuʼel 21:10-15.

      Daawit duʼa jalaa kan oole dandeettii isaatiin akka taʼetti hin yaanne. Kanaa mannaa, kan isa oolche Yihowaa akka taʼe dubbateera. Faarfannaa olitti ibsamerratti, “Ani Yihowaa nan kadhadhe, innis deebii naaf kenne. Sodaa koo hundumaa jalaas na oolche” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 34:4) Daawit, “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” jechuudhaan warra kaan kan jajjabeesse muuxannoo isaarraa kaʼeeti.a

  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
    • a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokkorratti yaanni “dhandhamaa ilaalaa” jedhu, “ofuma keessaniin ilaalaa,” akkasumas “muuxannoo keessanirraa ilaalaa” jedhamee hiikameera.—Today’s English Version fi The Bible in Basic English.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi