LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Humna Keessan Fayyadamuu Irratti ‘Waaqayyoon Kan Fakkaattan Taʼaa’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • 10. (a) Waaqayyo warraaf aangoo akkamii kenneera? (b) Jechi “adabuu” jedhu hiika maalii qaba? Adabni akkamitti kennamuu qaba? (Miiljalees ilaali.)

      10 Waaqayyo warraafis aangoo kenneera. Kitaabni Qulqulluun, “Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa; kanaa mannaa, adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa” jedha. (Efesoon 6:4) Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “adabuu” jedhu, hiika “guddisuu, leenjisuu fi barsiisuu” jedhu qaba. Ijoolleef adabni ni barbaachisa; qajeelfamni ifa taʼe yoo isaanii kennamee fi daangaan yoo kaaʼameef tasgabbii qabaatu, akkasumas caalaatti bilchaatu. Kitaabni Qulqulluun, adaba ykn barumsa akkasii jaalalaa wajjin wal qabsiisee ibsa. (Fakkeenya 13:24) Kanaaf, “uleen adabaa” miira isaaniis taʼe qaama isaanii kan miidhu taʼuu hin qabu.a (Fakkeenya 22:15; 29:15) Warri gara jabinaan ijoollee isaanii adabuu hin qaban; adabni jaalala hin qabne akkas ijoolleen akka abdii kutatan godha. (Qolosaayis 3:21) Karaa biraa immoo warri ijoollee isaaniitiif adaba sirrii taʼe kennuun isaanii, akka isaan jaallatanii fi namoota gaarii akka taʼan akka barbaadan ijoollee hubachiisa.

  • Humna Keessan Fayyadamuu Irratti ‘Waaqayyoon Kan Fakkaattan Taʼaa’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • a Bara duriitti, jechi afaan Ibrootaa “ulee” jedhu, harcummee ykn muka tikseen tokko hoolota isaa ittiin qajeelchu argisiisa. (Faarfannaa 23:4) “Uleen” aangoo warraa argisiisus, ijoollee isaanii gara jabinaan akka adaban utuu hin taʼin, jaalalaan akka isaan geggeessan argisiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi