LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 5. Gufuuwwan akka hin cuuphamne si mudachuu dandaʼan injifadhu

      Shamarreen takka haati ishii ishii mormitus Kitaaba Qulqulluu ishii boorsaa ishii keessa yommuu keessu.

      Yihowaadhaaf yommuu of murteessinuu fi cuuphamnu hundi keenya rakkoowwan adda addaa nu mudatu. Fakkeenya tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Jaalalli Yihowaadhaaf Qabnu Gufuuwwan Nu Mudatan Mooʼuuf Nu Gargaara (5:22)

      • Akkuma viidiyicha irratti ibsame, Naaraangerel Yihowaa tajaajiluuf gufuuwwan akkamii moʼuun ishii barbaachisee ture?

      • Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu gufuuwwan kana moʼuuf kan ishii gargaare akkamitti?

      Fakkeenya 29:25 fi 2 Ximotewos 1:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Gufuuwwan nu mudatan moʼuuf ija jabina kan nuuf kennu maali dha?

  • Ariʼatama Sirra Gaʼu Dandamachuu ni Dandeessa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Ammumaa kaasnee amanannaa Yihowaa irratti qabnu cimsachuu nu barbaachisa. Guyyaa guyyaadhaan kadhannaa Yihowaatti dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramadi. Walgaʼii gumii irratti yeroo hundumaa argami. Wantoota kana hunda gochuun kee ariʼatama maatii kee irraa si irra gaʼu dabalatee, cimina ariʼatama si irra gaʼu kam iyyuu ija jabinaan dandamachuuf si gargaaru siif argamsiisa. Phaawulos ergamaan inni yeroo baayʼee ariʼatamni isa irra gaʼe, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jedhee barreesseera.—Ibroota 13:6.

      Yeroo hunda lallabuudhaanis ija jabinni keenya akka dabalu gochuu dandeenya. Lallabuun keenya Yihowaatti akka amanamnuu fi sodaa namootaa akka injifannu nu barsiisa. (Fakkeenya 29:25) Yeroo ammaatti ija jabina yoo qabaatte, mootummaan hojii keenya yoo dhorke illee lallabuun sitti hin ulfaatu.—1 Tasalonqee 2:2.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi