LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumamni Maal Nu Barsiisa?
    Dammaqaa!—2006 | Fulbaana
    • Miila Gosa Lootuu Geekkoo Jedhamtu Fakkeessanii Hojjechuu

      Bineeldonni lafa irra jiraatanis wanta nu barsiisan hedduu qabu. Fakkeenyaaf, gosti lootuu xiqqoo geekkoo jedhamtu girgiddaa irra ol baʼuu fi koornisii irra gad garagaltee deemuu dandeessi. Uumamni kun bara duriittis dandeettii ishii kanaan beekamti turte. (Fakkeenya 30:28) Gosti lootuu geekkoo jedhamtu kun harkisa lafaa akka dandamattu kan ishii gargaare maali dha?

      Lootuun kun wantoota akka daawitii diriiroo taʼanitti akka maxxantu kan ishii dandeessise, wantoota akka dabbasaa qaqalloo miila ishii irra jiranii fi seetaa jedhamani dha. Miilli ishii haphee maddisiisu hin qabu. Kanaa mannaa, harkisa molokiyulootaan uumamuu fi baayʼee xinnoo taʼeen fayyadamti. Molokiyooliin wantoota lamaan irratti argaman humna dadhabaa gidduu isaanii jiruu fi vaan dar Waalis jedhamuun wal qabatu. Yeroo baayʼee, humni kun harkisa lafaa irraa baayʼee xiqqoo dha; harka keenya girgiddaatti maxxansinee ol baʼuu kan hin dandeenye kanaafi. Haa taʼu malee, wantoonni akka dabbasaa miila lootuu irra jiranii fi seetaa jedhaman balʼinni faana ishii inni girgiddaatti maxxanu akka balʼatu godha; humni Vaan dar Waalis seetaawwan kumaan lakkaaʼamanii fi miila lootuu irra jiraniin yommuu baayʼifamu humna lootuuwwan warra baayʼee hin ulfaanne baachuuf dandeessisu argamsiisa.

      Argannoon kun faayidaa akkamii argamsiisa? Huccuun miila lootuutti fakkeeffamee hojjetame bakka Velkiroo wal qabsiistuu taʼee tajaajiluu dandaʼa; Velkiroonis uumama irraa ilaalamee kan hojjetame dha.a Barruun The Economist jedhamu “huccuun dabbasaa akka miila lootuu irra jiru fakkeeffamee hojjetame, keessumaa yeroo yaalii fayyaatiif wal qabsiistuuwwan keemikaalaa fayyadamuun hin dandaʼamnetti faayidaa guddaa qabachuu akka dandaʼu” ibseera.

  • Uumamni Maal Nu Barsiisa?
    Dammaqaa!—2006 | Fulbaana
    • Xiyyaarri akka garaa isaa gaggaragalu kun qoochoo allaattii siigaal jedhamu fakkeeffamee kan hojjetame dha

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi