LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kee Itti Fufuuf Maaltu Si Gargaara?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 12. Haati takkaa fi ijoolleen lama gargaarsa Dhugaa Baatuu Yihowaa takkaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa jiru.

      BARUMSA 12

      Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kee Itti Fufuuf Maaltu Si Gargaara?

      Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun ulfaataa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Qoʼachuun keenya garuu eebbaa fi faayidaa hedduu nuuf argamsiisa. Tarii yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuuf, carraaqqii gochuun kee kan si hin gaabbisiisne maaliifi? Haalli rakkisaan jiraatus, qoʼachuu kee itti fufuuf maaltu si gargaara?

      1. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun faayidaa qaba kan jennu maaliifi?

      “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha.” (Ibroota 4:12) Kitaabni Qulqulluun yaada Waaqayyoo fi jaalala inni siif qabu waan ibsuuf faayidaa qaba. Beekumsa qofa utuu hin taʼin, ogummaa fi abdii dhugaa akka qabaattu si gargaara. Hunda caalaa immoo, michuu Yihowaa taʼuuf si gargaara. Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼattu humni isaa jireenya kee irratti jijjiirama gaarii akka fidu heyyamta.

      2. Faayidaa dhugaan Kitaaba Qulqulluu qabu hubachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

      Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman, qabeenya gatii guddaa qabuu wajjin wal fakkaatu. Kitaabni Qulqulluun, ‘Dhugaa bitadhu, matumaas isa hin gurgurin’ jedhee kan nu jajjabeessu kanaafi. (Fakkeenya 23:23) Faayidaa dhugaan Kitaaba Qulqulluu qabu kan hubannu yoo taʼe wantoonni gufuu taʼan yoo nu mudatanis, qoʼachuu keenya itti fufuuf carraaqqii cimaa goona.—Fakkeenya 2:4, 5 dubbisi.

      3. Yihowaan qoʼachuu kee akka itti fuftu kan si gargaaru akkamitti?

      Yihowaan Uumaa hundumaa dandaʼuu fi Michuu kee waan taʼeef, waaʼee isaa akka barattu si gargaaruu barbaada. ‘Fedhii fi humna hojiidhaaf si barbaachisu’ sii kennuu dandaʼa. (Filiphisiyus 2:13 dubbisi.) Kanaafuu, yeroo tokko tokko qoʼachuuf ykn wanta baratte hojii irra oolchuuf kakaʼumsi dabalataa yoo si barbaachise si gargaaruu dandaʼa. Gufuu ykn mormii si mudate moʼuuf humni dabalataa yoo si barbaachises sii kennuu dandaʼa. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuuf akka si gargaaru, yeroo hundumaa kadhannaadhaan isa gaafadhu.—1 Tasalonqee 5:17.

      CAALAATTI BARADHU

      Hojiin kan sitti baayʼatu ykn mormiin kan si irra gaʼu taʼus, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu itti fufuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu. Achiis Yihowaan qoʼachuu kee itti fufuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe hubadhu.

      4. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif dursa kenni

      Yeroo tokko tokko hojiin waan nutti baayʼatuuf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yeroo akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Maarree maaltu si gargaaruu dandaʼa? Filiphisiyus 1:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Jireenya keenya keessatti ‘wantoonni caalaatti barbaachisoo taʼan’ tokko tokko maalfaa sitti fakkaata?

      • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif dursa kennuu kan dandeessu akkamitti?

      A. Fakkiiwwan: Fakkii baaldii tokkotti dhagaa fi cirracha naquu argisiisu. 1. Cirrachaa fi dhagaa guguddaa tuulame. 2. Baaldii cirrachi itti naqamee guutuu jala gaʼe. 3. Dhagaa guguddaa cirracha irra naqamee fi irraa hafe. B. Fakkiiwwan: 1. Cirrachaa fi dhagaa guguddaa tuulame. 2. Baaldii dhagaa guguddaan itti naqamee guutuu jala gaʼe. 3. Cirracha dhagaa guguddaa wajjin wal keessa naqamee fi xiyyoo baaldichaa bira gaʼe. Cirracha xinnoo baaldicha biratti hafe.
      1. Baaldii tokkotti cirracha erga naqxee booda, dhagaa itti naquuf yoo yaalte iddoon si hin gaʼu

      2. Jalqaba dhagaa yoo itti naqxe garuu, cirracha itti naquuf iddoo ni argatta. Haaluma wal fakkaatuun, jireenya kee keessatti ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif’ dursa yoo kennite, wantoota sana raawwachuu fi wantoota kaaniif yeroo argachuu dandeessa

      Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun fedhii hafuuraa keenya, jechuunis fedhii Waaqayyoon beekuu fi isa waaqeffachuuf qabnu nuuf guuta. Maatewos 5:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif dursa kennuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

      5. Mormiin si irra gaʼus qoʼachuu kee itti fufi

      Yeroo tokko tokko warri kaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee akka dhiistu gochuuf yaalu taʼa. Fakkeenya Firaancheeskoo ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Itti Fufuun Isaa Isa Kiiseera (5:22)

      Fakkii viidiyoo ‘Itti Fufuun Isaa Isa Kiiseera’ jedhu irraa fudhatame. Firaancheeskoon kana booda isaanii wajjin akka hin michoomne hiriyoota isaatti himee yommuu deemu.
      • Firaancheeskoon wanta barachaa ture michoota isaa fi haadha isaatti yommuu himu maaltu isaanitti dhagaʼame?

      • Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaa itti fufuun kan isa kiise akkamitti?

      Ximotewos Lammaffaa 2:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Maatii fi michoonni kee wanta barachaa jirtu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

      • Akka caqasa kanaatti namni tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu keetti gammaduu yoo baate maal gochuu qabda? Akkas kan jette maaliifi?

      6. Yihowaan akka si gargaaruuf isatti amanami

      Yihowaatti caalaatti dhihaachaa yommuu deemnu, fedhiin isa gammachiisuuf qabnus dabalaa deema. Taʼus ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuuf, sirreeffama tokko tokko gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe abdii hin kutatin. Yihowaan si gargaara. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Yihowaan Jijjiirama Akka Goonu Nu Gargaara (3:56)

      • Jiim inni viidiyicha irratti ibsame, Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama akkamii godhe?

      • Muuxannoo isaa keessaa wanti si dinqisiise maali dha?

      Ibroota 11:6 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaan ‘warra cimsanii isa barbaaddataniif,’ jechuunis namoota isa beekuu fi isa gammachiisuuf carraaqqii cimaa godhaniif maal godha?

      • Akka caqasa kanaatti Yihowaan carraaqqii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gootu yeroo argu maaltu isatti dhagaʼama? Akkas kan jette maaliifi?

      NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Kitaaba Qulqulluu kan qoʼattu maaliifi?”

      • Maal jettee deebista?

      MAAL BARATTE?

      Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf si gargaara. Yihowaatti amanamuu kee itti fufi, innis si badhaasa.

      Irra Deebii

      • Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa akka qabanitti kan ilaaltu maaliifi?

      • ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastee erga beektee’ booda maal gochuu qabda?

      • Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafachuu kan qabdu maaliifi?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Tooftaawwan namoonni hedduun yeroo isaaniitti ogummaadhaan akka fayyadaman gargaaran afur ilaali.

      “Yerookeetti Ogummaadhaan Fayyadami” (Dammaqaa!, Eblaa-Waxabajjii 2014)

      Yihowaan dubartii abbaan manaa ishii carraaqqii ishiin Waaqayyoon gammachiisuuf gootu hin hubanne tokko kan gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu.

      Yihowaan Itti Gaafatamummaa Keenya Akka Baanu Nu Jabeessa (5:05)

      Abbaan manaa tokko haati manaa isaa jabaattee dhaabbachuu ishiitiin kan fayyadame akkamitti akka taʼe ilaali.

      Dhugaa Qoreen Mirkaneeffadhe (6:30)

      Yeroo tokko tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa maatii diigu jedhamanii himatamu. Garuu kun dhugaadhaa?

      “Dhugaa Baatonni Yihowaa Maatii Ni Diigumoo Ni Ijaaru?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

  • Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 35. Abbaan manaa haadha manaa isaa  fi ijoolleen isaa wajjin weebsaayitii irraa beeksisa konkolaataa ilaalaa jiru.

      BARUMSA 35

      Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

      Hundi keenya murtoon gochuu qabnu jira. Murtoowwan goonu keessaa baayʼeen isaanii nu irrattis taʼe michummaa Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, eessa jiraachuu akka qabnu, maallaqa nu barbaachisu akkamitti akka argannu ykn gaaʼela dhaabbachuu fi dhiisuuf murteessuun nu barbaachisuu dandaʼa. Murtoowwan gaggaarii yommuu goonu jireenya gammachiisaa jiraanna, Yihowaa gammachiisuus ni dandeenya.

      1. Murtoowwan gaggaarii gochuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

      Murtoo tokko gochuu kee dura gargaarsa argachuuf Yihowaa kadhadhu, akkasumas Yihowaan dhimma sanaaf ilaalcha akkamii akka qabu beekuuf Kitaaba Qulqulluu qoradhu. (Fakkeenya 2:3-6 dubbisi.) Yihowaan haalawwan tokko tokko ilaalchisee ajaja ifa taʼe kenneera. Yeroo akkasiitti murtoon hunda irra caalu ajajawwan kana hojii irra oolchuu dha.

      Haa taʼu malee, ajajni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼee fi wanta gochuu qabdu ibsu hin jiru yoo taʼe hoo? Yeroo akkasiittis Yihowaan ‘karaa irra deemuu qabdu irra si geggeessa.’ (Isaayyaas 48:17) Akkamitti? Gama kanaan qajeelfamoonni si geggeessan jiraachuu dandaʼu. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu, dhugaawwan buʼuuraa yaadaa fi miira Waaqayyoo ibsani dha. Yeroo baayʼee seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko yommuu dubbisnu, ilaalcha Waaqayyo dhimma tokkoof qabu baranna. Ilaalcha Waaqayyo qabu yommuu hubannu immoo, murtoowwan isa gammachiisan gochuu dandeenya.

      2. Murtoo gochuu kee dura maal irratti yaaduu qabda?

      Kitaabni Qulqulluun, “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedha. (Fakkeenya 14:15) Kana jechuun murtoo tokko gochuu keenya dura yeroo fudhannee filannoowwan qabnu irratti yaaduu qabna jechuu dha. Filannoo qabdu hunda irratti yeroo yaaddu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu na gargaaruu dandaʼan kam faʼi? Nagaa sammuu kan naaf kennu filannaa isa kami? Murtoon koo warra kaan irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Hunda caalaa immoo, murtoon koo Yihowaa ni gammachiisaa?’—Keessa Deebii 32:29.

      Yihowaan wanti gaariinii fi wanti gaarii hin taane maal akka taʼe nutti himuuf mirga qaba. Seerawwanii fi qajeelfamoota isaa akka gaariitti beeknee hordofuuf yommuu murteessinu qalbii keenya leenjisaa jirra jechuu dha. Qalbiin dandeettii keessa keenya jiruu fi wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe adda baasnee beekuuf nu gargaaru dha. (Roomaa 2:14, 15) Qalbiin leenjiʼe murtoo gaarii gochuuf nu gargaara.

      CAALAATTI BARADHU

      Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu fi qalbiin keenya murtoo gochuuf akkamitti akka nu gargaaran baradhu.

      3. Kitaabni Qulqulluun akka si qajeelchu godhi

      Murtoo yeroo goonu qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu nu qajeelchuu kan dandaʼan akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu Akka Isin Qajeelchan Godhaa (5:54)

      • Mirga filannaa jechuun maal jechuu dha?

      • Yihowaan mirga filannaa kan nuu kenne maaliifi?

      • Mirga filannaa keenyatti karaa hunda irra caaluun akka itti fayyadamnu nu gargaaruuf maal nuu kenneera?

      Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu tokko akka fakkeenyaatti ilaaluuf, Efesoon 5:15, 16 dubbisaa. Achiis wantoota armaan gadiitiif ‘yeroo keessanitti akka gaariitti fayyadamuu’ kan dandeessan akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:

      • Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf.

      • Hiriyaa gaaʼelaa, warra, ilma ykn intala gaarii taʼuuf.

      • Walgaʼiiwwan gumii irratti argamuuf.

      4. Murtoo gaarii gochuuf qalbii kee leenjisi

      Dhimma tokko ilaalchisee ajajni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼe yeroo jiraatutti filannaa sirrii gochuun salphaa fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ajajni ifa taʼe yeroo hin jiraannetti hoo? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: “Qalbii Gaarii Qabaadhaa Jiraadhaa” (5:13)

      • Obboleettiin viidiyicha irratti ibsamte, qalbii ishii leenjisuu fi murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhatteetti?

      Warri kaan murtoo nuti gochuu qabnu akka nuuf godhan gaafachuu kan hin qabne maaliifi? Ibroota 5:14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Namoonni kaan murtoo akka nuuf godhan gaafachuun salphaa fakkaatus, ofuma keenyaan maal gargar baafachuu qabna?

      • Wantoonni qalbii kee leenjisuu fi murtoo gaarii gochuu akka dandeessu si gargaaruuf qophaaʼan maal faʼi?

      Namni tokko konkolaataa oofaa jira. GPSn konkolaataa isaa keessa jiru konkolaachisaan sun karaa sirrii irra akka deemu isa gargaara.

      Qalbiin keenya akkuma kaartaa jireenya keenya keessatti nu qajeelcha

      5. Qalbii warra kaanii kabaji

      Namoonni adda addaa murtoo garaa garaa godhu. Maarree qalbii namoota kaanii akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee haalawwan lama haa ilaallu:

      Haala 1: Obboleettiin meekaappii dibachuu jaallattu takka gumii obboleettonni wanti akkasii isaan jeequ baayʼeen keessatti argaman deemte.

      Roomaa 15:1 fi 1 Qorontos 10:23, 24 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Caqasoota kana irratti hundaaʼuudhaan obboleettiin sun murtoo akkamii gochuu dandeessi? Atoo nama wanta qalbiin kee akka gootu siif heyyamu qalbiin isaa akka hin goone isa dhowwu waliin utuu taatee maal goota?

      Haala 2: Obboleessi tokko Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii hamma tokko dhuguu akka hin balaaleffanne beeka; taʼus dhuguu dhiisuuf filateera. Obboleessi kun qophii tokko irratti argamee obboloonni dhugaatii alkoolii yommuu dhugan arge.

      Lallaba 7:16 fi Roomaa 14:1, 10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Caqasoota kana irratti hundaaʼuudhaan, obboleessi sun maal gochuu dandaʼa? Namni tokko wanta qalbiin kee akka gootu siif hin heyyamne tokko yommuu godhu yoo argite maal goota?

      Murtoo gaarii gochuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qabda?

      Dubartii kadhachaa jirtu.

      1. Maal gochuu akka qabdu murteessuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafadhu.—Yaaqoob 1:5.

      Dubartiidhumti sun Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi kompiitaratti fayyadamtee qorannaa gochaa jirti.

      2. Qajeelfamoota hojii irra oolchuu dandeessu argachuuf, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan irratti qorannoo godhi. Kiristiyaanota muuxannoo qabanis gorsa gaafachuu dandeessa.

      Dubartiidhumti sun yaadaa jirti.

      3. Murtoon gootu qalbii kee irrattis taʼe qalbii warra kaanii irratti dhiibbaa akkamii akka godhu yaadi.

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wantan barbaade gochuuf mirga qaba. Wanti namoonni jedhan na hin yaaddessu.”

      • Wanti Waaqayyoo fi namoota kaanitti dhagaʼamu nu yaaddessuu kan qabu maaliifi?

      MAAL BARATTE?

      Dhimma tokko ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu beekuunii fi gochi keenya namoota kaan kan fayyadu ykn kan miidhu taʼuu fi dhiisuu isaa irratti yaaduun murtoo gaarii gochuuf nu gargaara.

      Irra Deebii

      • Murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu kan dandeessu akkamitti?

      • Qalbii kee leenjisuu kan dandeessu akkamitti?

      • Qalbii namoota kaanii akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Murtoo michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu siif cimsu gochuu kan dandeessu akkamitti?

      “Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi” (Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 2011)

      Akkaataa itti Yihowaan gorsa nuuf kennu ilaalchisee hubannaa qabdu guddifadhu.

      Yihowaan Saba Isaa ni Geggeessa (9:50)

      Namni tokko murtoo ulfaataa taʼe akka godhu kan isa gargaare maal akka taʼe ilaali.

      Yihowaan Wanti Hundi Gaarii Akka Taʼu Waadaa Galeera (5:46)

      Yihowaan dhimma tokko ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe yeroo hin kenninetti isa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu.

      “Yeroo Hunda Seerri Kitaaba Qulqulluu Si Barbaachisaa?” (Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 2003)

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi