LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waaqayyoon Sodaachuudhaan Faayidaa Argachuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2023 | Waxabajjii
    • 6. Wantoota dubartoota lamatti fakkeeffaman kamfaa qorra?

      6 Kanatti aansuudhaan Fakkeenya boqonnaa 9 haa qorru. Achirraa waaʼee ogummaa fi gowwummaa dubartoota lamatti fakkeeffamee dubbisna. (Roomaa 5:14; Galaatiyaa 4:24 wajjin wal bira qabii ilaali.) Yeroo boqonnaa kana qorru addunyaan Seexanaa halalummaa fi poornoogiraafii akka jajjabeessu yaadachuu qabna. (Efe. 4:19) Kanaafuu, Waaqayyoon sodaachuun keenyaa fi daandii hamaarraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Fak. 16:6) Dhiiras taane dubartoota hundi keenyayyuu boqonnaa kanarraa faayidaa argachuu dandeenya. Dubartoonni lamaanuu warra muuxannoo hin qabneef, jechuunis “warra hubannaa hin [qabneef]” affeerrii akka dhiheessan ibsameera. Lamaan isaaniiyyuu akkuma waan, ‘Mana koo koottaa, nyaata nyaadhaa,’ jechuudhaan affeerrii dhiheessaniiti. (Fak. 9:1, 5, 6, 13, 16, 17) Buʼaan affeerrii dubartoonni kun lamaan dhiheessanii garuu baayʼee garaagaradha.

  • Waaqayyoon Sodaachuudhaan Faayidaa Argachuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2023 | Waxabajjii
    • Dubartii sagaagaltuun bara durii turte takka balbala mana ishiirra dhaabbattee nimichi tokko gara mana ishii akka dhufu affeeraa jirti.

      Affeerraan “dubartii gowwaa” miidhaa guddaa geessisa (Keeyyata 7 ilaali)

      7. Akka Fakkeenyi 9:13-18 jedhutti, namoota affeerraa dubartii gowwaa sanaa fudhatanirra maaltu gaʼa? (Fakkichas ilaali.)

      7 Affeerraa “dubartii gowwaan” dhiheessitu mee haa ilaallu. (Fakkeenya 9:13-18 dubbisi.) Qaanii tokko malee namoonni muuxannoo hin qabne, “gara mana ishii” akka dhufan affeerti. Maarree, namoota affeerraa ishii fudhatanirra maaltu gaʼa? “Warri duʼaan moʼaman achi [jiru].” Fakkeenya darberrattis akkasuma akka jedhame ni yaadatta taʼa. Waaʼee dubartii “addaggee” fi “dubartii baalagee” akeekkachiisni nuuf kennameera. ‘Manni ishii gara duʼaatti akka gad lixu’ nutti himameera. (Fak. 2:11-19) Fakkeenya 5:3-10 irratti “dubartii addaggee” kan biraa ‘miilli ishii gara duʼaatti gad buʼu’ ilaalchisee akeekkachiisni nuuf kennameera.

  • Waaqayyoon Sodaachuudhaan Faayidaa Argachuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2023 | Waxabajjii
    • 9-10. Sababiiwwan halalummaarraa fagaachuuf nu kakaasan tokko tokko kamfaʼi?

      9 Sababii gaarii halalummaarraa fagaachuuf nu kakaasu qabna. “Dubartii gowwaan” sun, “Bishaan hatame ni miʼaawa” akka jette ibsameera. “Bishaan hatame” maal argisiisa? Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiin abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti raawwatamu akkuma bishaan garaa namaa gammachiisuu akka taʼe ibsa. (Fak. 5:15-18) Dhiirrii fi dubartiin seeraan wal fuudhan saalqunnamtii raawwachuudhaan gaaʼela isaanii keessatti gammaduu dandaʼu. “Bishaan hatame” garuu kanarraa baayʼee addadha. Bishaan hatame saalqunnamtii seeraan ala taʼe argisiisa. Akkuma hattuun dhoksaatti hatu, yeroo baayʼee gochi kun dhoksaatti raawwatama. Keessumaa gochi isaanii kun akka isaanirratti hin beekamne yoo yaadan “bishaan hatame” miʼaawaa fakkaatee isaanitti mulʼachuu dandaʼa. Kun gowwummaa guddaadha. Yihowaan waan hundumaa ni arga. Wanti Yihowaa biratti fudhatama dhabuu caalaa hadhaaʼaa taʼe hin jiru; kanaafuu, gochi miidhaa guddaa geessisu akkasii “miʼaawaa” ykn gammachiisaa taʼuu hin dandaʼu. (1 Qor. 6:9, 10) Garuu, miidhaa kan biraas qaba.

      10 Namni halalummaa raawwatu qaanii ofitti fiduu, ulfi hin barbaadamne akka uumamu gochuu, maatiin isaa diigamuu fi gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaafuu, “mana” dubartii gowwaa fi maaddii ishiirraa fagaachuun ogummaadha. Namoonni halalummaa raawwatan hedduun dhukkuba garaa garaatiin waan qabamaniif, karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa qaamaas duʼaaf saaxilamu. (Fak. 7:23, 26) Boqonnaan 9 lakkoofsi 18, “keessummoonni [ishii] awwaala gadi fagoo keessa akka jiran” dubbata. Maarree, namoonni baayʼeen affeerraa ishii isa miidhaa guddaa geessisu kan fudhatan maaliifi?—Fak. 9:13-18.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi