LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waaqayyoon Sodaachuudhaan Faayidaa Argachuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2023 | Waxabajjii
    • Dubartii sagaagaltuun bara durii turte takka balbala mana ishiirra dhaabbattee nimichi tokko gara mana ishii akka dhufu affeeraa jirti.

      Affeerraan “dubartii gowwaa” miidhaa guddaa geessisa (Keeyyata 7 ilaali)

      7. Akka Fakkeenyi 9:13-18 jedhutti, namoota affeerraa dubartii gowwaa sanaa fudhatanirra maaltu gaʼa? (Fakkichas ilaali.)

      7 Affeerraa “dubartii gowwaan” dhiheessitu mee haa ilaallu. (Fakkeenya 9:13-18 dubbisi.) Qaanii tokko malee namoonni muuxannoo hin qabne, “gara mana ishii” akka dhufan affeerti. Maarree, namoota affeerraa ishii fudhatanirra maaltu gaʼa? “Warri duʼaan moʼaman achi [jiru].” Fakkeenya darberrattis akkasuma akka jedhame ni yaadatta taʼa. Waaʼee dubartii “addaggee” fi “dubartii baalagee” akeekkachiisni nuuf kennameera. ‘Manni ishii gara duʼaatti akka gad lixu’ nutti himameera. (Fak. 2:11-19) Fakkeenya 5:3-10 irratti “dubartii addaggee” kan biraa ‘miilli ishii gara duʼaatti gad buʼu’ ilaalchisee akeekkachiisni nuuf kennameera.

  • Waaqayyoon Sodaachuudhaan Faayidaa Argachuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2023 | Waxabajjii
    • 10 Namni halalummaa raawwatu qaanii ofitti fiduu, ulfi hin barbaadamne akka uumamu gochuu, maatiin isaa diigamuu fi gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaafuu, “mana” dubartii gowwaa fi maaddii ishiirraa fagaachuun ogummaadha. Namoonni halalummaa raawwatan hedduun dhukkuba garaa garaatiin waan qabamaniif, karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa qaamaas duʼaaf saaxilamu. (Fak. 7:23, 26) Boqonnaan 9 lakkoofsi 18, “keessummoonni [ishii] awwaala gadi fagoo keessa akka jiran” dubbata. Maarree, namoonni baayʼeen affeerraa ishii isa miidhaa guddaa geessisu kan fudhatan maaliifi?—Fak. 9:13-18.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi