LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 48. Michoota suuraa of kaasaa jiran afur.

      BARUMSA 48

      Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu

      Michoonni keenya yeroo gaarii taʼetti gammachuun keenya akka dabalu godhu, yeroo rakkinaatti immoo nu jajjabeessu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun michuu gaarii taʼuu kan dandaʼan namoota hunda akka hin taane nu akeekkachiisa. Maarree michoota gaarii filachuu kan dandeessu akkamitti? Mee gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadi.

      1. Michoonni ati filatte dhiibbaa kan sirraan geessisan akkamitti?

      Yeroo baayʼee namoota yeroo wajjin dabarsinu fakkaanna. Namoonni kun dhiibbaa gaarii ykn dhiibbaa gadhee nu irraan geessisuu dandaʼu; namoonni qaamaanis taʼe karaa weebsaayitii hawaasaa yeroo wajjin dabarsinu dhiibbaa nu irratti godhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa [namoota Yihowaa hin jaallannee] wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa” jedha. (Fakkeenya 13:20) Michoonni Yihowaa jaallatanii fi isa waaqeffatan isatti akka dhihaattuu fi murtoo gaarii akka gootu si gargaaru. Michoonni Yihowaa hin jaallanne garuu isa irraa si fageessuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun michoota keenya ogummaadhaan akka filannu kan nu jajjabeessu kanaafi! Namoota Yihowaa jaalatan michuu godhachuun keenya, ofii keenyaafis taʼe isaaniif faayidaa argamsiisa. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keenya itti fufuuf’ nu gargaaru.—1 Tasalonqee 5:11.

      2. Michoota filannu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

      Yihowaan michoota isaa of eeggannoodhaan filata. “Warra qajeelota taʼanii wajjin . . . michummaa cimaa qaba.” (Fakkeenya 3:32) Yihowaan michoota isa hin jaallanne yoo filanne maaltu isatti dhagaʼama? Baayʼee gadda! (Yaaqoob 4:4 dubbisi.) Karaa biraatiin immoo, Yihowaan michoota gadhee irraa fagaachuudhaan isattii fi namoota isa jaallatanitti yoo dhihaanne ni gammada, michoota isaa akka taanus nu filata.—Faarfannaa 15:1-4.

      CAALAATTI BARADHU

      Michoota gaarii filachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe qori; michummaa gaarii sanas cimsachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

      3. Michoota gadhee irraa of eeggadhu

      Namoonni Waaqayyoo fi ulaagaalee isaa hin jaallanne michoota gaarii nuuf taʼuu hin dandaʼan. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Hiriyummaa Gadhee Irraa Fagaachuu Baradhaa (6:17)

      • Utuu nutti hin beekamin michoota gadhee horachuu kan dandeenyu akkamitti?

      Qorontos Tokkoffaa 15:33 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Michuu gadhee kan jedhamu nama akkamiiti? Maaliif?

      Faarfannaa 119:63 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Namni tokko michuu gaarii taʼuu isaa kan argisiisu maali dha?

      Miʼa poomii qabatee jiru. Poomiin tortore tokko titiisa harkisuu fi poomiiwwan kaan mancaasuu jalqabeera.

      Poomiin tortore tokko warra hafan kaanis tortorsuu dandaʼa. Michuu gadheen tokko si irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

      4. Namoonni nu irraa adda taʼan michoota gaarii nuuf taʼuu dandaʼu

      Kitaabni Qulqulluun waaʼee Daawitii fi Yonaataan ni dubbata; namoonni kun Israaʼel durii keessa jiraatu turan. Umuriin isaanii fi haalli isaanii baayʼee garaa gara ture; taʼus michoota gaarii turan. Saamuʼel Tokkoffaa 18:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Michoonni keenya yeroo hundumaa umurii keenya irratti kan argaman ykn namoota akka keenyaa taʼuu kan hin qabne maaliifi?

      Roomaa 1:11, 12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Michoonni Yihowaa jaallatan wal jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?

      Viidiyoo kana irraa obboleessi tokko bakka hin yaadamnee michuu kan argate akkamitti akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Bakka hin yaadamee Michoota Argachuu (5:06)

      • Viidiyicha irratti akkuma ibsame, michoonni Akiil mana barumsaatti horate warra isaa kan yaaddesse maaliifi?

      • Jalqaba irratti michoota kana kan jaallate maaliifi?

      • Kophummaa isatti dhagaʼame kan moʼe akkamitti?

      5. Michummaa gaarii uumuun kan dandaʼamu akkamitti?

      Michoota gaarii argachuu fi michuu gaarii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Michuu Dhugaa kan Jedhamu Nama Akkamii Ti? (4:14)

      Fakkiiwwan viidiyoo ‘Michuu Dhugaa kan Jedhamu Nama Akkamii Ti?’ jedhamu irraa fudhataman. Shamarree umurii kurnanii michoota ishii umurii, sanyii fi dandeettii garaa garaa qabanii wajjin jirtu takka.

      Fakkeenya 18:24 fi 27:17 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Michoonni dhugaan kan wal gargaaran akkamitti?

      • Atoo michoota gaarii akkasii qabdaa? Hin qabdu yoo taʼe akkamitti horachuu dandeessa?

      Filiphisiyus 2:4 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Michoota gaarii qabaachuuf, atis michuu gaarii taʼuun si barbaachisa. Maarree michuu gaarii taʼuu kan dandeessu akkamitti?

      Fakkiiwwan: Shamarree michoota ishii wajjin maanguddoo tokko gaafachaa jirtu. 1. Michoota ishii keessaa ishii takkaa wajjin bilbilaan haasaʼaa jirti. 2. Galma Walgaʼiitti immoo obboleettii maanguddoo takkaa wajjin haasaʼaa jirti. 3. Michoota ishii keessaa ishii gaddaa jirtu takka jajjabeessaa jirti.

      Michoota gaarii argachuuf, michuu gaarii taʼuu si barbaachisa

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Michuu dhabuu irra nama kam iyyuu michuu godhachuu wayya.”

      • Atoo maal jetta?

      MAAL BARATTE?

      Michoota keenya ogummaadhaan yoo filanne Yihowaa ni gammachiisna, ofii keenyaafis faayidaa arganna.

      Irra Deebii

      • Michoonni filannu Yihowaa kan yaaddessu maaliifi?

      • Namoota akkamii michoota godhachuu irraa fagaachuu qabna?

      • Michummaa michoota gaarii wajjin qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Michoonni gaariin yeroo rakkisaa taʼetti nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaali.

      “Dhumni Dhufuu Isaa Dura Michummaa Cimaa Uumuuf Carraaqqii Godhaa” (Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 2019)

      Michuu gaarii argachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka dandeessu ilaali.

      “Hiriyoota Gaarii Qabaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” (Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname Jildii 1, boqonnaa 8)

      Intarneetiidhaan michummaa uumuu ilaalchisee maal beekuu qabda?

      Weeb Saayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu (4:12)

      Seenaa jireenyaa “Jaalala Abbaa Argachuuf Baayʼeen Hawwan Ture” jedhu irraa, namni tokko michoota isaa kan jijjiire akkamitti akka taʼe baradhu.

      “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Masaraa Eegumsaa, Eblaa-Waxabajjii 2012)

  • Bashannana Yihowaa Gammachiisu Filadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 1. Wanta ittiin bashannannu yommuu filannu maal yaadachuu qabna?

      Ati yeroo boqonnaa keetti maal gochuu jaallata? Namoonni tokko tokko yeroo boqonnaa isaanii manatti kitaaba dubbisuudhaan, muuziqaa dhaggeeffachuudhaan, fiilmii ilaaluudhaan ykn intarneetii fayyadamuudhaan dabarsuu jaallatu. Kaan immoo michoota isaanii wajjin miilaan deemuu, bishaan daakuu ykn tapha ispoortii taphachuu jaallatu. Filannaan keenya maal iyyuu yoo taʼe, wanti ittiin bashannannu ‘Gooftaa biratti fudhatama kan qabu’ taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabna. (Efesoon 5:10) Sababiin isaas wantoonni namoonni ittiin bashannanan wantoota Yihowaan jibbu kan akka hammeenyaa, halalummaa ykn gocha hafuurota hamoo kan of keessatti qabatani dha. (Faarfannaa 11:5 dubbisi.) Maarree bashannana keenya ogummaadhaan filachuuf maaltu nu gargaara?

      Michoota Yihowaa jaallatan yoo filanne, nu irrattis taʼe bashannana filannu irratti dhiibbaa gaarii geessisu. Barumsa darbe irratti akkuma baranne, “namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa.” Gama biraatiin immoo, namoota ulaagaalee Yihowaa hin jaallannee wajjin yeroo dheeraa kan dabarsinu yoo taʼe ‘rakkina irra buuna.’—Fakkeenya 13:20.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi