-
Maatii Keessan Balaarraa EegaaMaatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
-
-
19. Maatiiwwan waliin taphachuunsaanii cubbuu akka hin taane fakkeenya Macaafa Qulqulluu kamtu argisiisa?
19 Macaafni Qulqulluun tapha ni dhowwaa? Matumaa! Macaafni Qulqulluun, “Kolfuunis yeroo qaba . . . sirbuunis yeroo qaba” jedha.b (Lallaba 3:4) Sabni Waaqayyoo Israa’el durii keessa turan, sirba, shubbisa, tapha addaddaafi hibboo taphachuudhaan gammadu turan. Yesus afeerrii cidhaa guddaarratti akkasumas “cidha guddaa” Maatewos inni Lewwii jedhamu isaaf qopheesserratti argamee ture. (Luqaas 5:29; Yohannis 2:1, 2) Yesus gammachuu warra kaaniitiif gufuu akka hin turre ifadha. Kolfiifi taphni maatii keessan keessatti tasumaa akka cubbuutti ilaalamuu hin qabu!
-
-
Maatii Keessan Balaarraa EegaaMaatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
-
-
b Jechi afaan Ibrootaa asirratti “kolfuu” jedhame, karaa biraatiinimmoo, “taphachuu,” “wanta nama bashannansiisu tokko dubbachuu,” “ayyaaneffachuu” ykn “gammaduu” jedhamee hiikamuu ni danda’a.
-