LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaa Obsaan Eeggachuudhaan Gammadi
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2024 | Guraandhala
    • YIHOWAAN OBSAAN AKKA EEGGANNU KAN NURRAA EEGU MAALIIFI?

      Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yihowaan garuu gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan eegaa jira, gara laafina isinitti argisiisuufis ni kaʼa. Sababiin isaas, Yihowaan Waaqa haqa qabeessa taʼe dha. Warri abdiidhaan isa eeggatan hundi gammadoo dha.” (Isa. 30:18) Isaayyaas jalqaba yaada kana kan dubbate Yihudoota mata jabeeyyii taʼanitti ture. (Isa. 30:1) Yihudoota sana gidduu garuu namoonni amanamoon muraasni jiru turan; wanti inni dubbate abdii akka qabaatan isaan gargaareera. Yaanni kun tajaajiltoota Yihowaa yeroo harʼaa jiraniifis abdii kan kennudha.

      Yihowaanis obsaan eegaa waan jiruuf obsaan eeggachuu qabna. Yihowaan yeroo sirna kana itti balleessu murteesseera; taʼus, hanga guyyaanii fi saʼaatiin sun gaʼutti obsaan eegaa jira. (Mat. 24:36) Yeroo sanatti, himanni Diyaabilos Yihowaa fi tajaajiltoota isaarratti dhiheesse soba taʼuunsaa guutummaatti ni mirkanaaʼa. Yeroo sanatti Yihowaan Seexanaa fi warra isa cinaa dhaabbatan hunda kan balleessu taʼus nu warra tajaajiltootasaa taanetti garuu ‘gara laafina argisiisa.’

      Hammasitti, Yihowaan rakkina nurra gaʼe balleessuu baatus yeroo isa eeggannutti gammadoo taʼuu akka dandeenyu nuuf mirkaneesseera. Akkuma Isaayyaas dubbatetti wanta gaarii argachuuf yeroo abdiidhaan eeggannu kanatti gammadoo taʼuu ni dandeenya. (Isa. 30:18)a Gammachuu akkasii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Mee tarkaanfiiwwan nu gargaaran afur haa ilaallu.

  • Yihowaa Obsaan Eeggachuudhaan Gammadi
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2024 | Guraandhala
    • a Jechi ‘abdiidhaan eeggachuu’ jedhamee hiikame “wanti tokko akka raawwatamu hawwuu” argisiisuu dandaʼa; kunis fayyina keenya hawwiidhaan eeggachuun keenya sirrii akka taʼe argisiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi