LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluudha Yihowaan”
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Amajjii 1
    • JECHA Yihowaa ibsu tokko filadhu utuu jedhamtee, jecha isa kam filatta turte? Isaayaas raajichi mulʼata Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti arge tokkorratti, uumamawwan hafuuraa jecha amala addaa Yihowaan ittiin beekamu tokko, jechuunis qulqulluu jedhanii utuu isa faarsanii dhagaʼee ture. Wanti Isaayaas argeefi dhagaʼe, dinqisiifannaadhaan akka guutamnuufi caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu gochuu qaba. Yeroo yaadawwan Isaayaas 6:1-3⁠rra jiran qorrutti bakka sana akka jirtan godhaa yaadaa.

  • “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluudha Yihowaan”
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Amajjii 1
    • Isaayaas wanta arge qofa utuu hin taʼin, wanti dhagaʼes baayʼee isa dinqisiisee ture. Suraafeloonni samiirratti tuutaan sagaleesaanii ol kaasuudhaan faarfatu. Isaayaas, “Walitti lallabaniis, ‘Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluudha Yihowaan’ . . . in jedhu turan” jedhee barreesseera. (Lakkoofsa 3, NW) Jechi afaan Ibrootaa “qulqulluu” jedhamee ibsame “yaada guutummaatti cubbuurraa walaba baʼuu, akkasumas adda baʼuu” kan argisiisudha. Suraafeloonni siʼa sadii tarii wal harkaa fuudhanii “qulqulluu” jedhanii faarfachuunsaanii, Yihowaan hunda caalaa qulqulluu akka taʼe argisiisa. (Mulʼata 4:8) Kanaaf, jechi qulqulluu jedhu amala Yihowaan addaan baafamee ittiin beekamudha. Yihowaan guutummaatti qulqulluufi mudaa kan hin qabnedha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi