LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waaqni Dhugaan Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 1. Maqaan Waaqayyoo eenyu? Maqaa kana akka beeknu kan barbaadu taʼuu isaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

      Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti eenyummaa isaa nuuf ibseera. “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana” jedheera. (Isaayyaas 42:5, 8 dubbisi.) Hayyoonni hedduun akka jedhanitti maqaan “Yihowaa” jedhu Afaan Ibrootaatiin hiikni isaa “Akka Taʼu Godha” jechuu dha. Yihowaan maqaa isaa akka beeknu barbaada. (Baʼuu 3:15) Garuu waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Maqaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa 7,000 ol akka barreeffamu godheera!a Maqaan Yihowaa jedhu, maqaa Waaqni “ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqa dhugaa” taʼe qofti ittiin waamamu dha.—Keessa Deebii 4:39.

  • Waaqeffannaan Keenya Waaqayyoon Akka Gammachiisu Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 2. Yihowaa waaqeffachuu kan qabnu akkamitti?

      Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef isa qofa waaqeffachuu qabna. (Mulʼata 4:11) Kana jechuun, isa jaallachuu fi fakkii tokko illee utuu hin fayyadamin isa qofa waaqeffachuu qabna jechuu dha.—Isaayyaas 42:8 dubbisi.

      Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti “qulqulluu fi . . . fudhatama” kan qabu taʼuu qaba. (Roomaa 12:1) Kana jechuun, ulaagaalee naamusaa inni baasee wajjin haala wal simuun jiraachuu nu barbaachisa jechuu dha. Fakkeenyaaf, namoonni Yihowaa jaallatan, ulaagaalee inni gaaʼelaaf baase ni dinqisiifatu, akkasumas hojii irra oolchu. Kana malees, gochawwan nama miidhan, kan akka tamboo xuuxuu, jimaa qamaʼuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusatu.a

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi