-
“Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Dha Yihowaan”Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
17, 18. (a) Isaayyaas jalqaba irratti yeroo mulʼata arge maaltu itti dhagaʼame? (b) Yihowaan Isaayyaasiin jajjabeessuuf suraafelitti kan fayyadame akkamitti? Wanti Suraafelichi godhe hiika akkamii qaba?
17 Waaqayyo qulqulluu taʼuun isaa garuu, nuti isa biratti xinnoo akka taane akka nutti dhagaʼamu gochuu qabaa? Deebiin isaa eeyyee kan jedhu dha. Yihowaan nu irra baayʼee guddaa waan taʼeef, wal caalmaan nuu fi isa gidduu jiru hammana kan jedhamu miti. Kana beekuun keenya garuu isa irraa nu fageessuu qabaa? Isaayyaas yeroo suraafelonni qulqullummaa Yihowaa labsan yommuu dhagaʼetti maaltu akka isatti dhagaʼame haa ilaallu. “Anis, ‘Anaaf wayyoo! Nama hidhiin isaa xuraaʼe waanan taʼeef, uummata hidhiin isaa xuraaʼe gidduu waanan jiraadhuuf, ijji koos Mooticha, Yihowaa Gooftaa Raayyaa waan argeef, duʼuun koo hin oolun!’ jedhe” jedheera. (Isaayyaas 6:5) Eeyyee, Yihowaan baayʼee qulqulluu taʼuun isaa, Isaayyaas hammam cubbamaa akka taʼee fi mudaa akka qabu isa yaadachiiseera. Jalqaba irratti namni amanamaan kun baayʼee sodaatee ture. Yihowaan garuu haala kana keessatti isa hin dhiisne.
18 Suraafelli tokko yeruma sana isa jajjabeesseera. Akkamitti? Maleekaan aangoo guddaa qabu kun, gara iddoo aarsaatti erga balaliʼee booda, barbadaa ibiddaa iddoo aarsaatii fuudhee ittiin hidhii Isaayyaas tuqe. Kun kan nama jajjabeessu utuu hin taʼin kan nama dhukkubsu fakkaata. Haa taʼu malee, kun mulʼata hiika guddaa qabu akka taʼe hin dagatin. Isaayyaas Yihudii amanamaa waan taʼeef, dhiifama cubbuutiif guyyaa guyyaadhaan iddoo aarsaa mana qulqullummaa keessa jiru irratti aarsaan akka dhihaatu akka gaariitti beeka. Suraafelli sun, raajiin kun mudaa kan qabuu fi nama “hidhiin isaa xuraaʼe” taʼus, Waaqayyo duratti akka qulqulluutti ilaalamuu akka dandaʼu gaarummaadhaan isa yaadachiiseera.a Yihowaan nama mudaa qabuu fi cubbamaa taʼe, hamma tokko qulqulluu akka taʼetti ilaaluuf fedhii qaba.—Isaayyaas 6:6, 7.
-
-
“Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Dha Yihowaan”Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
a Ibsi ‘hidhii xuraaʼe’ jedhu ibsa sirrii dha; sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee hidhii dubbii ykn qooqa argisiisuuf itti fayyadama. Namoonni mudaa qaban hundi, yeroo baayʼee cubbuu kan hojjetan dubbii isaaniitiini.—Fakkeenya 10:19; Yaaqoob 3:2, 6.
-