-
Michuu Yihowaa Taʼuu ni DandeessaBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
5. Yihowaan michoota isaa irraa maal eega?
Yeroo baayʼee michoonni keenya wantoota tokko tokko akka nuuf godhan isaan irraa eegna.
Atoo wantoonni michoonni kee akka siif godhan barbaaddu tokko tokko maal faʼi?
Yohaannis Tokkoffaa 5:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan michoota isaa irraa maal eega?
Yihowaadhaaf ajajamuuf amalawwan keenya tokko tokko jijjiiruun nu barbaachisa taʼa. Isaayyaas 48:17, 18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan michoonni isaa jijjiirama akka godhan kan isaan irraa eegu maaliifi?
Michuu gaariin wantoota eegumsa nuuf godhanii fi nu fayyadan nutti hima. Yihowaanis michoota isaatiif akkasuma godha
-
-
Jaalala Yihowaadhaaf Qabnu Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 34
Jaalala Yihowaadhaaf Qabnu Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?
Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu erga jalqabdee kaasee Waaqayyotti caalaatti akka dhihaatte sitti dhagaʼamaa? Michummaa isaa wajjin qabdu hoo cimsachuu kee itti fufuu ni barbaaddaa? Akkas taanaan, Yihowaan jaalalli isaaf qabdu guddachaa akka deeme yommuu argu, caalaatti akka si jaallatuu fi akka siif yaadu yaadadhu. Maarree atoo akka isa jaallattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
1. Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
Yihowaadhaaf ajajamuudhaan akka isa jaallannu argisiisna. (1 Yohaannis 5:3 dubbisi.) Inni eenyu iyyuu akka isaaf ajajamu hin dirqisiisu. Kanaa mannaa, isaaf ajajamuuf ykn ajajamuu dhiisuuf akka filannu carraa nuuf kenneera. Maaliif? Yihowaan ‘garaadhaa akka ajajamnu’ barbaada. (Roomaa 6:17) Kana jechuun, dirqamtee utuu hin taʼin jaallattee akka isaaf ajajamtu barbaada jechuu dha. Kutaa 3ffaanii fi kutaa 4ffaan kitaaba kanaa wanta Yihowaa gammachiisu raawwachuudhaan, akkasumas wanta isa gaddisiisu irraa fagaachuudhaan jaalala isaaf qabdu akka argisiistu si gargaaruuf kan qophaaʼe dha.
2. Jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
“Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha.” (Faarfannaa 34:19) Hundi keenya iyyuu cubbuu dhaallee wajjin waldhaansoo goona. Kana malees, rakkinni maallaqaa, jalʼinni haqaa fi rakkoowwan kan biroon nu mudachuu dandaʼu. Yeroo haalli rakkisaan nu mudatu wanta Yihowaan nu irraa barbaadu raawwachuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kunis kan taʼe daandii dogoggoraa irra deemuun caalaatti salphaa waan taʼeefi. Taʼus wanta Yihowaan si ajaju amanamummaadhaan yommuu raawwattu wanta kam iyyuu caalaa akka isa jaallattu argisiista. Akkasumas isaaf amanamaa akka taate mirkaneessita. Innis siif amanamaa taʼa. Matumaas si hin dhiisu.—Faarfannaa 4:3 dubbisi.
CAALAATTI BARADHU
Yihowaadhaaf ajajamuun kee kan isa gammachiisu maaliif akka taʼee fi kana gochuuf maaltu akka si gargaaru baradhu.
3. Dhimma siinis ilaallatu
Kutaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe kitaabni Iyyoob, Seexanni nama Iyyoob jedhamuu fi namoota Yihowaa tajaajiluu barbaadan hunda irratti himata akka dhiheesse dubbata. Iyyoob 1:1, 6–2:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Akka Seexanni jedhetti, Iyyoob Yihowaadhaaf kan ajajamu maaliifi?—Iyyoob 1:9-11 ilaali.
Seexanni siinis dabalatee ilmaan namootaa hunda ilaalchisee maal jedheera?—Iyyoob 2:4 ilaali.
Iyyoob 27:5b dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Iyyoob dhugumaan Yihowaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti?
Iyyoob Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuudhaan jaalala isaaf qabu argisiiseera
Nutis Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuudhaan jaalala isaaf qabnu argisiisuu dandeenya
4. Garaa Yihowaa gammachiisi
Fakkeenya 27:11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yommuu ogeessa taatuu fi isaaf ajajamtu Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Maaliif?
5. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu ni dandeessa
Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu waaʼee isaa warra kaanitti himuuf nu kakaasa. Isaaf amanamoo taʼuun keenya immoo yeroo ulfaataa taʼutti illee akkas gochuuf nu kakaasa. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Waaʼee Yihowaa warra kaanitti himuun sitti ulfaatee beekaa?
Viidiyicha irratti akkuma ibsame, Giraayisoon sodaa isaa akka mooʼu maaltu isa gargaare?
Wanta Yihowaan jaallatu kan jaallannuu fi wanta inni jibbu kan jibbinu yoo taʼe, Yihowaadhaaf amanamoo taʼuun salphaa dha. Faarfannaa 97:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Wanta baratte irratti hundaaʼuudhaan wantoonni Yihowaan jaallatu tokko tokko kam faʼi? Wantoonni inni jibbu tokko tokko hoo maal faʼi?
Wanta gaarii taʼe jaallachuu fi wanta hamaa taʼe jibbuu barachuu kan dandeessu akkamitti?
6. Yihowaadhaaf ajajamuun nu fayyada
Yihowaadhaaf ajajamuun yeroo hundumaa gaarii dha. Isaayyaas 48:17, 18 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yihowaan yeroo hunda wanta nuuf wayyu akka beeku amanuu waan dandeenyu sitti fakkaataa? Maaliif?
Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee fi waaʼee Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼee barachuun kee hanga ammaatti kan si fayyade akkamitti?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wantin raawwadhu Waaqayyo irratti jijjiirama hin fidu.”
Wanti nuti raawwannu Yihowaa gammachiisuu ykn gaddisiisuu akka dandaʼu ibsuuf caqasa kamitti fayyadamuu dandeessa?
MAAL BARATTE?
Jaalala Yihowaadhaaf qabdu isaaf ajajamuudhaan, akkasumas yeroo rakkisaa taʼutti illee isaaf amanamaa taʼuudhaan argisiisuu dandeessa.
Irra Deebii
Fakkeenya Iyyoob irraa maal baratte?
Jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
Yihowaadhaaf amanamaa taatee jiraachuuf maaltu si gargaara?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Yihowaadhaafis taʼe gumiidhaaf amanamaa taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.
Waaʼee himata Seexanni ilmaan namootaa irratti dhiheessee caalaatti baradhu.
“Iyoob Amanamummaasaa Eegeera” (Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha? kutaa 6)
Ijoolleen illee jaalala Yihowaadhaaf qaban kan argisiisan akkamitti akka taʼe ilaali.
Dargaggeessi dargaggoota kaan irraa dhiibbaan isa irra gaʼaa jiru tokko Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuu kan dandaʼu akkamitti?
-
-
Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 35
Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Hundi keenya murtoon gochuu qabnu jira. Murtoowwan goonu keessaa baayʼeen isaanii nu irrattis taʼe michummaa Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, eessa jiraachuu akka qabnu, maallaqa nu barbaachisu akkamitti akka argannu ykn gaaʼela dhaabbachuu fi dhiisuuf murteessuun nu barbaachisuu dandaʼa. Murtoowwan gaggaarii yommuu goonu jireenya gammachiisaa jiraanna, Yihowaa gammachiisuus ni dandeenya.
1. Murtoowwan gaggaarii gochuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
Murtoo tokko gochuu kee dura gargaarsa argachuuf Yihowaa kadhadhu, akkasumas Yihowaan dhimma sanaaf ilaalcha akkamii akka qabu beekuuf Kitaaba Qulqulluu qoradhu. (Fakkeenya 2:3-6 dubbisi.) Yihowaan haalawwan tokko tokko ilaalchisee ajaja ifa taʼe kenneera. Yeroo akkasiitti murtoon hunda irra caalu ajajawwan kana hojii irra oolchuu dha.
Haa taʼu malee, ajajni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼee fi wanta gochuu qabdu ibsu hin jiru yoo taʼe hoo? Yeroo akkasiittis Yihowaan ‘karaa irra deemuu qabdu irra si geggeessa.’ (Isaayyaas 48:17) Akkamitti? Gama kanaan qajeelfamoonni si geggeessan jiraachuu dandaʼu. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu, dhugaawwan buʼuuraa yaadaa fi miira Waaqayyoo ibsani dha. Yeroo baayʼee seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko yommuu dubbisnu, ilaalcha Waaqayyo dhimma tokkoof qabu baranna. Ilaalcha Waaqayyo qabu yommuu hubannu immoo, murtoowwan isa gammachiisan gochuu dandeenya.
2. Murtoo gochuu kee dura maal irratti yaaduu qabda?
Kitaabni Qulqulluun, “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedha. (Fakkeenya 14:15) Kana jechuun murtoo tokko gochuu keenya dura yeroo fudhannee filannoowwan qabnu irratti yaaduu qabna jechuu dha. Filannoo qabdu hunda irratti yeroo yaaddu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu na gargaaruu dandaʼan kam faʼi? Nagaa sammuu kan naaf kennu filannaa isa kami? Murtoon koo warra kaan irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Hunda caalaa immoo, murtoon koo Yihowaa ni gammachiisaa?’—Keessa Deebii 32:29.
Yihowaan wanti gaariinii fi wanti gaarii hin taane maal akka taʼe nutti himuuf mirga qaba. Seerawwanii fi qajeelfamoota isaa akka gaariitti beeknee hordofuuf yommuu murteessinu qalbii keenya leenjisaa jirra jechuu dha. Qalbiin dandeettii keessa keenya jiruu fi wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe adda baasnee beekuuf nu gargaaru dha. (Roomaa 2:14, 15) Qalbiin leenjiʼe murtoo gaarii gochuuf nu gargaara.
CAALAATTI BARADHU
Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu fi qalbiin keenya murtoo gochuuf akkamitti akka nu gargaaran baradhu.
3. Kitaabni Qulqulluun akka si qajeelchu godhi
Murtoo yeroo goonu qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu nu qajeelchuu kan dandaʼan akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Mirga filannaa jechuun maal jechuu dha?
Yihowaan mirga filannaa kan nuu kenne maaliifi?
Mirga filannaa keenyatti karaa hunda irra caaluun akka itti fayyadamnu nu gargaaruuf maal nuu kenneera?
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu tokko akka fakkeenyaatti ilaaluuf, Efesoon 5:15, 16 dubbisaa. Achiis wantoota armaan gadiitiif ‘yeroo keessanitti akka gaariitti fayyadamuu’ kan dandeessan akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:
Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf.
Hiriyaa gaaʼelaa, warra, ilma ykn intala gaarii taʼuuf.
Walgaʼiiwwan gumii irratti argamuuf.
4. Murtoo gaarii gochuuf qalbii kee leenjisi
Dhimma tokko ilaalchisee ajajni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼe yeroo jiraatutti filannaa sirrii gochuun salphaa fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ajajni ifa taʼe yeroo hin jiraannetti hoo? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Obboleettiin viidiyicha irratti ibsamte, qalbii ishii leenjisuu fi murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhatteetti?
Warri kaan murtoo nuti gochuu qabnu akka nuuf godhan gaafachuu kan hin qabne maaliifi? Ibroota 5:14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Namoonni kaan murtoo akka nuuf godhan gaafachuun salphaa fakkaatus, ofuma keenyaan maal gargar baafachuu qabna?
Wantoonni qalbii kee leenjisuu fi murtoo gaarii gochuu akka dandeessu si gargaaruuf qophaaʼan maal faʼi?
Qalbiin keenya akkuma kaartaa jireenya keenya keessatti nu qajeelcha
5. Qalbii warra kaanii kabaji
Namoonni adda addaa murtoo garaa garaa godhu. Maarree qalbii namoota kaanii akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee haalawwan lama haa ilaallu:
Haala 1: Obboleettiin meekaappii dibachuu jaallattu takka gumii obboleettonni wanti akkasii isaan jeequ baayʼeen keessatti argaman deemte.
Roomaa 15:1 fi 1 Qorontos 10:23, 24 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Caqasoota kana irratti hundaaʼuudhaan obboleettiin sun murtoo akkamii gochuu dandeessi? Atoo nama wanta qalbiin kee akka gootu siif heyyamu qalbiin isaa akka hin goone isa dhowwu waliin utuu taatee maal goota?
Haala 2: Obboleessi tokko Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii hamma tokko dhuguu akka hin balaaleffanne beeka; taʼus dhuguu dhiisuuf filateera. Obboleessi kun qophii tokko irratti argamee obboloonni dhugaatii alkoolii yommuu dhugan arge.
Lallaba 7:16 fi Roomaa 14:1, 10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Caqasoota kana irratti hundaaʼuudhaan, obboleessi sun maal gochuu dandaʼa? Namni tokko wanta qalbiin kee akka gootu siif hin heyyamne tokko yommuu godhu yoo argite maal goota?
Murtoo gaarii gochuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qabda?
1. Maal gochuu akka qabdu murteessuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafadhu.—Yaaqoob 1:5.
2. Qajeelfamoota hojii irra oolchuu dandeessu argachuuf, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan irratti qorannoo godhi. Kiristiyaanota muuxannoo qabanis gorsa gaafachuu dandeessa.
3. Murtoon gootu qalbii kee irrattis taʼe qalbii warra kaanii irratti dhiibbaa akkamii akka godhu yaadi.
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wantan barbaade gochuuf mirga qaba. Wanti namoonni jedhan na hin yaaddessu.”
Wanti Waaqayyoo fi namoota kaanitti dhagaʼamu nu yaaddessuu kan qabu maaliifi?
MAAL BARATTE?
Dhimma tokko ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu beekuunii fi gochi keenya namoota kaan kan fayyadu ykn kan miidhu taʼuu fi dhiisuu isaa irratti yaaduun murtoo gaarii gochuuf nu gargaara.
Irra Deebii
Murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu kan dandeessu akkamitti?
Qalbii kee leenjisuu kan dandeessu akkamitti?
Qalbii namoota kaanii akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Murtoo michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu siif cimsu gochuu kan dandeessu akkamitti?
“Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi” (Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 2011)
Akkaataa itti Yihowaan gorsa nuuf kennu ilaalchisee hubannaa qabdu guddifadhu.
Namni tokko murtoo ulfaataa taʼe akka godhu kan isa gargaare maal akka taʼe ilaali.
Yihowaan dhimma tokko ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe yeroo hin kenninetti isa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu.
“Yeroo Hunda Seerri Kitaaba Qulqulluu Si Barbaachisaa?” (Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 2003)
-