-
Yeroo Duunu Maal Taana?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
2. Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
Namoonni hedduun duʼas taʼe namoota duʼan ni sodaatu! Duʼa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuun kee garuu si jajjabeessa. Yesuus, “Dhugaan . . . bilisa isin baasa” jedheera. (Yohaannis 8:32) Kitaabni Qulqulluun akka dhaabbilee amantaa tokko tokkoo, lubbuun hin duunee fi duʼa booda jiraachuu ishii itti fuftu akka jirtu hin barsiisu. Namni erga duʼee booda hin dhiphatu. Kana malees, namoonni duʼan waan tokko iyyuu waan hin beekneef nu miidhuu hin dandaʼan. Kanaafuu, namoota duʼan gammachiisuuf yaaluun ykn isaan waaqeffachuunii fi gara isaanitti kadhannaa dhiheessuun nu hin barbaachisu.
Namoonni tokko tokko namoota duʼanii wajjin wal qunnamuu akka dandaʼan dubbatu. Kun garuu matumaa wanta hin dandaʼamne dha. Akkuma olitti ilaalle, namoonni duʼan “homaa hin beekan.” Namoonni warra duʼanii wajjin wal qunnamuu akka dandaʼan dubbatan, kan wal qunnaman jinniiwwan namoota duʼan sana fakkaatanii mulʼatanii wajjini dha. Kanaafuu, waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya jinniiwwan irraa nu eega. Yihowaan jinniiwwanii wajjin wal qunnamuun miidhaa akka nu irraan geessisu waan beekuuf namoota duʼanii wajjin wal qunnamuuf akka hin yaalle nu akeekkachiiseera.—Keessa Deebii 18:10-12 dubbisi.
-
-
Yeroo Duunu Maal Taana?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya nu fayyada
Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun keenya namoota duʼan akka hin sodaanne nu gargaara. Lallaba 9:10 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namoonni duʼan nu miidhuu dandaʼuu?
Kana malees, dhugaa Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuun keenya namoota duʼan gammachiisuuf yaaluu ykn waaqeffachuu irraa fagaachuuf nu gargaara. Isaayyaas 8:19 fi Mulʼata 4:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Nama warra duʼan waaqeffatu ykn gargaarsa namoota duʼanii argachuuf yaalu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?
Duʼa ilaalchisee dhugaa isaa beekuun keenya, barsiifatawwan Yihowaa hin gammachiisne irraa bilisa nu baasa
-