LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesus Waa’ee Ibidda Cubbamoonni Bara Baraan Itti Gubatanii Dubbachuusaa Ture?
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Waxabajjii 15
    • Haata’u malee, jechoota Yesus, lakkoofsa dhumaa raajii Isaayaasii wajjin wal bira qabii ilaali.b Yesus yaada raajii Isaayaas boqonnaa 66⁠rra jiru caqasuusaa akka ture ifa mitii? Raajiin kun caqasa kanarratti waa’ee “Dachaa Hiinom (Gahaannam) isa naannoo Yerusaalem jiruu akka dubbatu beekamaadha. Bakki kun bakka yeroo tokko namoonni itti aarsaa godhamaa turan, (Er. 7:31) yeroo boodammoo bakka kosiin magaalattii itti gatamu ture.” (Za Jeroom Bibilikaal Koommentaarii.) Fakkeenyi Isaayaas 66:24⁠rra jiru, kan gubatu namoota utuu hin ta’iin reeffa namootaa akka ta’e akka dubbatu ifadha. Hin du’u kan jedhame, nama ykn lubbuu namaa utuu hin ta’iin raammoodha. Ergasuu, jechi Yesus maal kan argisiisu ture?

      Barreeffamni Kaatolik woork El ivaanjeliyo de Maarkos. Anaaliisis linguyistikoo yi komentaariyo ekseheetekoon, Jildii II keessatti yaada Maarqos 9:48⁠rratti kenne ilaali. Akkas jedha: “Gaaleen [kun] Isaayaas (66,24) irraa fudhatame. Raajiin kun yeroo baay’ee iddoo kanatti reeffi namootaa karaawwan lamaan jechuunis tortorfamuufi gubamuudhaan akka balleeffamu ibsa . . . Raammooniifi ibiddi caqasamuunsaanii guutummaatti baduu kan argisiisudha. . . . Wantoonni balleessuuf gargaaran lamaanuu (hin du’u, hin dhaamu) jedhamuudhaan yeroo hundaa akka jiraatan ibsamaniiru, salphaadhumatti isaan keessa ba’uun hin danda’amu. Akka asirratti ibsametti, raammoofi ibiddi wanta isaan keessa bu’e waan balleessaniif, utuu hin badin kan hafu nama utuu hin ta’in raammoofi ibidda sanadha. Kanaafuu, ibsi kun bara baraan gubachuu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa wanti kana keessa bu’e du’aa waan hin kaaneef, badiisa bara baraa kan argisiisudha. Kanaafuu ibiddi, guutummaatti baduu kan argisiisudha.”

  • Yesus Waa’ee Ibidda Cubbamoonni Bara Baraan Itti Gubatanii Dubbachuusaa Ture?
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Waxabajjii 15
    • b “Gad ba’anii reeffa warra na yakkanii in argu; raammoon isaan nyaatu hin du’u, ibiddi isaan gubus hin dhaamu; isaan nama kan ta’e hundumaa duratti jibbisiisoo in ta’u”.—Isa. 66:24.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi