BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 1-5
‘Kottaa Gara Tulluu Waaqayyootti Ol in Baanaa!’
2:2, 3
“Bara booddeetti”  | 
Bara nuti amma keessa jiraachaa jirru  | 
“Tulluu mana Waaqayyoo”  | 
Waaqeffannaa qulqulluu Yihowaa isa ol ol godhame  | 
“Sabni lafa irraa hundinuus gara isaatti in yaa’u”  | 
Namoonni waaqeffannaa dhugaa fudhatan tokkummaadhaan walitti qabamu  | 
“Kottaa gara tulluu Waaqayyootti ol in baanaa”  | 
Waaqeffattoonni dhugaan warri kaan gara isaanii akka dhufan ni afeeru  | 
‘Inni karaa isaa nu barsiisa, nutis daandii isaa irra ni adeemna’  | 
Yihowaan karaa Dubbii isaa nu barsiisa, daandii isaa irras akka adeemnu nu gargaara  | 
2:4
‘Isaan deebiʼanii lola hin baran’  | 
Isaayaas meeshaaleen waraanaa gara meeshaalee qonnaatti akka jijjiiraman yommuu dubbatu, sabni Yihowaa nagaa akka hordofan argisiisuu isaa ti. Meeshaawwan bara Isaayaasitti turan kunneen kan akkamiiti?  | 
‘Billaa isaanii maarashaa godhu’  | 
1 Maarashaan meeshaa lafa ittiin qotani dha. Maarashaan tokko tokko sibiila irraa hojjetama.—1Sam 13:20  | 
‘Eeboo isaanii isa ittiin muka qeexxaʼan godhu’  | 
2Meeshaan ittiin muka qeexxaʼan tarii meeshaa sibiila irraa hojjetamuu fi haamtuu fakkaatu kan qabannoo qabu argisiisa. Meeshaan kun muka wayinii wal qiqixxeessuuf kan gargaaru ture.—Isa 18:5  |