-
“Ani Tiksee Tokko . . . Nan Kaasa”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
5. Yaanni ijoon hibboo sanaa maali dha?
5 Hisqiʼel 17:3-10 dubbisi. Yaanni ijoo hibboo sanaa kana dha: “Risaa guddaan” tokko latii fiixee muka gaattiraa irra jiru kutee “magaalaa daldaltootaa tokko keessa” isa dhaabe. Achiis risaan kun “sanyii biyyattii keessaa muraasa fuudhee” maasii gabbataa “bishaan baayʼee” qabu tokko keessa dhaabe. Sanyichis ni lalise, akkasumas ‘muka wayinii dalga babalʼatu’ taʼee guddate. Achiis “risaa guddaan” inni lammaffaan ni dhufe. Hiddi muka wayinii sanaa bakka bishaan gaʼaan jirutti dhaabamuu waan barbaadeef, “hawwii guddaadhaan” gara risaa isa lammaffaatti ni diriire. Haa taʼu malee, Yihowaan hiddi wayinichaa akka ciramuu fi ‘guutummaatti akka gogu’ dubbachuudhaan wanta wayinichi godhe balaaleffateera.
Risaa guddaan inni jalqabaa Nebukadnezaar isa mootii Baabilon taʼe argisiisa (Keeyyata 6 Ilaali)
6. Hiika hibboo sanaa ibsi.
6 Hibboon kun hiika maalii qaba? (Hisqiʼel 17:11-15 dubbisi.) Dhaloota Kiristoos Dura bara 617tti mootiin Baabilon Nebukadnezaar (“risaa guddaan” inni jalqabaa) Yerusaalemitti marse. Achiis mootii Yihudaa kan taʼe Yehoyaaqiimiin (‘latii fiixee irra jiru’) teessoo isaa irraa kaasee gara Baabilonitti (‘magaalaa daldaltootaatti’) isa fide. Nebukadnezaar, Zedeeqiyaa (isa ‘sanyii moototaa biyyattii’ keessaa tokko taʼe) Yerusaalem irratti ni moosise. Akkasumas mootiin Yihudaa inni haaraan kun isaaf amanamaa akka taʼu maqaa Waaqayyootiin isa kakachiise. (2 Sen. 36:13) Haa taʼu malee, Zedeeqiyaan kakuu kana tuffachuudhaan Baabilon irratti fincile, akkasumas gargaarsa waraanaa argachuuf mootii Gibxii (“risaa guddaa” isa lammaffaa) kan gaafate taʼus buʼaa hin arganne. Yihowaan gocha gantummaa Zedeeqiyaan kakuu sana cabsuudhaan raawwate balaaleffateera. (His. 17:16-21) Dhuma irrattis Zedeeqiyaan aangoo isaa irraa kan buʼe yeroo taʼu, mana hidhaa Baabilon keessatti duʼeera.—Er. 52:6-11.
-
-
Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman—Muka Gaattiraa GuddaaYihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
1. Nebukadnezaar Yehoyaakiiniin gara Baabilonitti geesse
-