-
“Mulʼata Waaqayyo Biraa Dhufe Nan Arge”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
15. Hisqiʼel akkaataa geengoowwan sun itti hojjetamanii fi hamma isaanii ilaalchisee maal hubateera?
15 Guddinni geengoowwan sanaa Hisqiʼeliin baayʼee ajaaʼibsiiseera. “Geengoowwan sun baayʼee dhedheeroo waan taʼaniif nama ajaaʼibsiisu turan” jechuudhaan barreesseera. Hisqiʼel geengoowwan guguddaa baayʼee dhedheeroo taʼanii fi calaqqisan kana ilaaluuf mataa isaa yommuu ol qabu yaadaan ilaaluu dandeenya. Itti dabaluudhaanis, “Qarqarri arfan [geengoowwan sanaas] ijaan kan marfame ture” jechuudhaan yaada xiyyeeffannaa namaa harkisu dubbateera. Haa taʼu malee, wanti hunda caalaa nama dinqisiisu boca addaa geengoowwan sun qabani dha. Hisqiʼel, “Bifti isaanii fi bocni isaanii geengoo wal keessa jiru fakkaata ture” jechuudhaan ibseera. Kana jechuun maal jechuu dha?
-
-
“Mulʼata Waaqayyo Biraa Dhufe Nan Arge”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
17 Geengoowwan baayʼee guguddaa taʼan kun yeroo tokko qofa yommuu naannaʼanitti illee lafa balʼaa uwwisu. Mulʼatichi konkolaataan sun saffisa bakakkaatiin akka deemu ibsa. (His. 1:14) Kana malees, geengoowwan adda taʼan kun kallattii afuriin deemuu kan dandaʼan taʼuun isaanii injinaroonni ilmaan namootaa matumaa wanta akkanaa hojjechuu akka hin dandeenye argisiisa. Konkolaataan kun saffisa isaa utuu hin hirʼisin ykn utuu hin naannaʼin kallattii isaa jijjiiruu dandaʼa! Sochii akkanaa kan godhu garuu akkanumaan miti. Ijji qarqara geengoowwan kanaatti marsee jiru konkolaataan kun kallattii hundaatiin wanta naannoo isaatti argamu guutummaatti akka beeku argisiisa.
Geengoowwan sun hammi isaaniis taʼe saffisni isaanii baayʼee guddaa dha (Keeyyata 17 Ilaali)
-