LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 36, 37. Jannata gara fuulduraatti dhufu keessatti abdiiwwan kamfaatu raawwatama?

      36 Waraana Armaagedoon booda hojiin haaressuu Yesuus raawwatu lafa kanas kan dabalatu taʼa. Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti kaayyoo Yihowaa isa jalqabaa wajjin haala wal simuun ilmaan namootaa lafa kana gara iddoo biqiltuu Eedanitti ykn gara jannataatti akka jijjiiran godha. (Luq. 23:43) Achiis ilmaan namootaa hundi tokkummaadhaan ni jiraatu, akkasumas lafa ishii bakka jireenyaa isaanii taate ni kunuunsu. Balaanis taʼe wanti nama sodaachisu eessa iyyuu hin jiraatu. Abdiin armaan gadii yommuu raawwatamu haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadaa: “Ani isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala; isaan lafa onaa keessa tasgabbiidhaan akka jiraatanii fi bosona keessa akka ciciisaniif bineensota bosonaa hamoo taʼan biyyattii keessaa haxaaʼee nan balleessa.”—His. 34:25.

      37 Mee yaadi! Sodaa tokko malee bakka barbaadde deemtee daawwachuu ni dandeessa. Bineensi si miidhu hin jiraatu. Balaan nagaa si dhabsiisus hin jiraatu. Bosona guddaa keessa kophaa kee deemuu, bareedina isaatti gammaduu fi utuu miidhaan si irra hin gaʼin boqonnaa argattee akka dammaqxu mirkanaaʼaa taatee tasgabbii guddaadhaan achi keessa rafuu illee ni dandeessa!

      Intalli takka galgala bosona keessa muka tokko jala nagaadhaan yommuu raftu. Ishiidhaa ol bineensi tokko muka irra ciisee jira.

      Yeroo itti ‘bosona keessa ciisuun’ illee nama hin sodaachisne yaadaan ilaali (Keeyyata 36, 37 Ilaali)

  • “Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi