LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Bitootessa
    • Tokkoffaa, lafeewwan kun ‘goganii’ ykn “baayʼee goganii” akka turan ibsameera. (His. 37:2, 11) Kun, namoonni kun erga duʼanii yeroo dheeraan akka darbe argisiisa. Lammaffaa, iddootti deebiʼuun kun battalumatti utuu hin taʼin, suuta suuta akka raawwatamutti ibsame. Jalqaba irratti, sagalee sossokoksutu dhagaʼame; “lafeen sunis walitti hiiqee, lafeen lafee ofii isaatiitti in dhiʼaate.” Achiis, “ribuu” fi ‘foontu’ itti dabalame. Itti fufees, lafeewwan, ribuuwwanii fi foon sanatti gogaatu uwwifame. Suuta suuta, “hafuurris isaanitti in gale, isaanis jiraatoo taʼan.” Xumura irratti, Yihowaan saba bayyanate kana biyya isaatti galche. Kun hundi raawwatamuuf yeroo fudhata.—His. 37:7-10, 14.

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Bitootessa
    • Waaʼee iddootti deebiʼuu hoo maal jechuutu dandaʼama? Kun kan raawwatame yoomii fi akkamitti? Hojiin iddootti deebiʼuu kun kan raawwatame suuta suuta dha. Mulʼatichi, waaʼee ‘sagalee sossokoksuu’ caqaseera. Kun raawwatamuu kan jalqabe, jaarraawwan muraasa bara dhumaa dura turanitti dha. Barumsawwan amantii sobaa bakka baayʼeetti babalʼatanii kan turan taʼus, namoonni amanamoo taʼan tokko tokko hamma isaaniif dandaʼametti waaqeffannaa dhugaa cina dhaabataniiru. Isaan keessaa tokko tokko Kitaaba Qulqulluu afaan namoonni hedduun dubbatanitti hiikuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Warri kaan immoo dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo irraa argatan labsaniiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi