-
“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
“Lafeewwan Sunis . . . Wal Qabachuu Jalqaban”
10. (a) Hisqiʼel 37:7, 8 irratti wanta saba Waaqayyoo irratti raawwatame ilaalchisee raajiin akkamii dubbatameera? (b) Wantoonni amantii namoota Waaqayyoon sodaatanii fi boojuu jala turanii suutuma suuta cimsan maalfaa taʼuu dandaʼu?
10 Bara duriitti Yihowaan sabni isaa suutuma suuta gara jireenyaatti akka deebiʼan raajii dubbateera. (His. 37:7, 8) Maarree Yihudoonni boojiʼamanii fi Waaqayyoon sodaatan abdiin gara Israaʼelitti akka deebiʼaniif isaaniif kenname ni raawwatama jedhanii akka amanan wantoonni isaan taasisan tokko tokko maal faʼi? Isaan keessaa tokko wantoota raajonni sana dura turan dubbatan taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, Isaayyaas warri hafan, jechuunis warri “sanyii qulqulluu” taʼan gara biyyattiitti akka deebiʼan raajii dubbateera. (Isa. 6:13; Iyo. 14:7-9) Raajiiwwan Hisqiʼel waaʼee haaromsaa barreesses abdii akkasii qabaachuuf akka isaan gargaare beekamaa dha. Kana malees namoonni amanamoon akka Daaniʼel raajichaa jiran Baabilon keessa jiraachuun isaanii fi Dh.K.D. bara 539tti magaalaan Baabilon kufuun ishii abdii gara biyya isaaniitti deebiʼuuf qaban isaaniif cimsee taʼuu qaba.
-
-
“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
12 Boodas Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu iddootti deebisuuf hojjechuu yommuu jalqaban, akka waan ‘ribuu fi foon’ lafeewwan sana uwwisanii taʼaniiru. Masaraan Eegumsaa Xiyoonii fi barreeffamoonni kan biroon namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaawwan hafuuraa akka argatan isaan gargaaraniiru; kunis dibamtoota tajaajiltoota Waaqayyoo taʼanitti makamuuf isaan kakaaseera. Jalqaba bara 1900tti meeshaaleen akka “Footoo Diraamaa oof Kiriʼeeshin” jedhamanii fi kitaabni Iccitii Xumurame (Ingiliffa) jedhamu sabni Waaqayyoo warri dibaman humna dabalataa akka argatan godhaniiru. Sana booda utuma baayʼee hin turin Waaqayyo sabni isaa ‘miila isaaniitiin akka dhaabbatan’ godhe. (His. 37:10) Kun kan taʼe yoomii fi akkamitti? Wantoonni Baabilon durii keessatti raawwataman gaaffii kanaaf deebii argachuuf nu gargaaru.
-
-
Waaqeffannaa Qulqulluun Suutuma Suuta Iddootti DeebiʼeYihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
‘Ribuu fi foon’
Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu iddootti deebisan
-