-
“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
9. Wantoonni Israaʼel durii irra gaʼan wantoota “Israaʼel Waaqayyoo” irra gaʼanii wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?
9 Raajiiwwan haareffamuu Hisqiʼel Israaʼeliin ilaalchisee dubbate raawwii guddaa qabu. (HoE. 3:21) Sabni Israaʼel durii ‘ajjeefamee’ akka fakkeenyaatti yeroo dheeraadhaaf duʼee ture; haaluma wal fakkaatuun “Israaʼel Waaqayyoo,” jechuunis gumiin Kiristiyaanota dibamoos akka fakkeenyaatti ajjeefamee yeroo dheeraadhaaf boojuu duʼaa wajjin wal fakkaatu jala tureera. (Gal. 6:16) Akka walii galaatti boojuun gumii Kiristiyaanaa yeroo dheeraadhaaf waan tureef, karaa hafuuraa haalli isaan keessa turan lafeewwan ‘baayʼee goggoganii’ wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. (His. 37:2) Akkuma boqonnaa darbe irratti ibsame boojuun gumii Kiristiyaanota dibamoo Dh.K.B. jaarraa lammaffaa irraa jalqabee jaarraawwan hedduudhaaf itti fufeera; kunis fakkeenya Yesuus waaʼee qamadii fi inkirdaadaa dubbate keessatti ibsameera.—Mat. 13:24-30.
Lafeewwan ‘baayʼee goggoganii’ fi Hisqiʼel mulʼataan arge boojuu duʼaa wajjin wal fakkaatuu fi dibamtoonni yeroo dheeraadhaaf keessa turan argisiisa (Keeyyata 8, 9 Ilaali)
-
-
“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
a Lafeewwan Hisqiʼel mulʼataan arge kan namoota ofuma isaaniitii duʼanii utuu hin taʼin kan “namoota ajjeefamanii” ti. (His. 37:9) Jiraattonni mootummaa Israaʼel inni gosoota kudhan qabatee fi mootummaa Yihudaa inni gosoota lama qabate, duraa duubaan moʼamanii warra Asoorii fi Baabiloniin yommuu boojuudhaan fudhatamanitti ‘guutummaan mana Israaʼel’ akka fakkeenyaatti ajjeefameera.
-