-
“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
12 Boodas Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu iddootti deebisuuf hojjechuu yommuu jalqaban, akka waan ‘ribuu fi foon’ lafeewwan sana uwwisanii taʼaniiru. Masaraan Eegumsaa Xiyoonii fi barreeffamoonni kan biroon namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaawwan hafuuraa akka argatan isaan gargaaraniiru; kunis dibamtoota tajaajiltoota Waaqayyoo taʼanitti makamuuf isaan kakaaseera. Jalqaba bara 1900tti meeshaaleen akka “Footoo Diraamaa oof Kiriʼeeshin” jedhamanii fi kitaabni Iccitii Xumurame (Ingiliffa) jedhamu sabni Waaqayyoo warri dibaman humna dabalataa akka argatan godhaniiru. Sana booda utuma baayʼee hin turin Waaqayyo sabni isaa ‘miila isaaniitiin akka dhaabbatan’ godhe. (His. 37:10) Kun kan taʼe yoomii fi akkamitti? Wantoonni Baabilon durii keessatti raawwataman gaaffii kanaaf deebii argachuuf nu gargaaru.
“Isaanis Gara Jireenyaatti Deebiʼanii Miila Isaaniitiin Dhaabbachuu Jalqaban”
13. (a) Dhaloota Kiristoos Dura bara 537 irraa jalqabee jechoonni Hisqiʼel 37:10, 14 irratti argaman kan raawwataman akkamitti? (b) Caqasoonni miseensonni mootummaa gosoota kurnanii tokko tokko gara Israaʼelitti deebiʼuu isaanii argisiisan kam faʼi?
13 Dhaloota Kiristoos Dura bara 537 irraa eegalee Yihudoonni Baabilon keessa turan mulʼanni sun raawwatamuu isaa arganiiru. Akkamitti? Yihowaan boojuu jalaa isaan baasee gara biyya isaaniitti akka deebiʼan gochuudhaan gara jireenyaatti isaan deebiseera, akkasumas ‘miila isaaniitiin akka dhaabbatan’ godheera. Israaʼelonni 42,360 taʼan, namoota Israaʼelota hin taanee fi gara 7,000 taʼanii wajjin Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii deebisanii ijaaruuf, akkasumas biyya Israaʼel keessa jiraachuuf Baabilon keessaa baʼaniiru. (Iz. 1:1-4; 2:64, 65; His. 37:14) Achiis gara waggaa 70 booda namoonni boojiʼamanii fi gara 1,750 taʼan Izraa wajjin gara Yerusaalemitti deebiʼaniiru. (Iz. 8:1-20) Kanaafuu Yihudoonni gara Yerusaalemitti deebiʼan walumaa galatti 44,000 ol turan; dhuguma iyyuu isaan ‘raayyaa guddaa’ turan. (His. 37:10) Kana malees Dubbiin Waaqayyoo akka argisiisutti miseensonni mootummaa gosoota kurnanii warri abbootiin isaanii Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti warra Asooriin fudhatamanis mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu irratti gargaarsa gochuuf gara Israaʼelitti deebiʼaniiru.—1 Sen. 9:3; Iz. 6:17; Er. 33:7; His. 36:10.
14. (a) Jechoonni Hisqiʼel 37:24 irratti argaman yeroo raajichi raawwii isaa isa guddaa itti argate beekuuf kan nu gargaaran akkamitti? (b) Bara 1919tti maaltu raawwatame? (Saanduqa, “‘Lafeewwan Goggoganii’ fi ‘Dhugaa Baatonni Lamaan’ Walitti Dhufeenya Akkamii Qabu?” jedhus ilaali.)
14 Kutaan raajii Hisqiʼel kun raawwii isaa isa guddaa kan argate akkamitti? Akkuma Yihowaan raajii kan biraa kanaa wajjin wal fakkaatu irratti Hisqiʼeliif ibse, raajiin waaʼee haaromsaa dubbatu raawwii isaa isa guddaa kan argatu Daawit Guddichi, jechuunis Yesuus Kiristoos Mootii taʼee bulchuu erga jalqabee yeroo muraasa booda dha.b (His. 37:24) Dhuguma iyyuu bara 1919tti Yihowaan saba isaatiif hafuura isaa kenneera. Kanaan kan kaʼes ‘deebiʼanii lubbuudhaan jiraataniiru,’ boojuu Baabilon Guddittii jalaas bilisa baʼaniiru. (Isa. 66:8) Achiis Yihowaan biyya isaanii, jechuunis jannata hafuuraa keessa akka jiraatan isaaniif heyyameera. Haa taʼu malee sabni Yihowaa yeroo harʼaatti argaman ‘raayyaa guddaa’ kan taʼan akkamitti?
15, 16. (a) Sabni Yihowaa yeroo harʼaatti argaman ‘raayyaa guddaa’ kan taʼan akkamitti? (b) Raajiin Hisqiʼel dubbate kun haalawwan rakkisoo jireenya keenya keessatti nu mudatan dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Saanduqa, “Yihowaan Deebinee Miila Keenyaan Akka Dhaabbannu Nu Gargaara” jedhu ilaali.)
15 Kiristoos bara 1919tti garbicha amanamaa erga muudee utuma baayʼee hin turin tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta Zakkaariyaas inni Yihudoota boojuudhaa deebiʼan gidduutti tajaajilaa ture, ‘Namoonni hedduunii fi saboonni jajjaboon Yihowaa barbaaddachuu ni dhufu’ jechuudhaan dubbate arguu jalqaban. Zakkaariyaas raajichi namoonni Yihowaa barbaaddatan kun ‘namoota qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan kudhan’ akka taʼan ibseera. Namoonni kun “nama Yihudii tokko,” jechuunis Israaʼel hafuuraa cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuti isinii wajjin deemuu barbaanna” jedhu.—Zak. 8:20-23.
16 Dhuguma iyyuu yeroo harʼaatti Israaʼel hafuuraa (dibamtoonni hafan) fi ‘namoonni kurnan’ (hoolonni kan biroon) walumatti “raayyaa baayʼee guddaa” taʼee fi miliyoonaan lakkaaʼamu taʼaniiru. (His. 37:10) Raayyaa yeroo kam iyyuu caalaa guddachaa jiru kana keessatti loltoota Kiristoos waan taaneef, eebbawwan fuuldura keenya jiran argachuuf Mootii keenya Yesuusiin dhiheenyatti hordofuudhaan gara fuulduraatti deemaa jirra.—Far. 37:29; His. 37:24; Filp. 2:25; 1 Tas. 4:16, 17.
-
-
Waaqeffannaa Qulqulluun Suutuma Suuta Iddootti DeebiʼeYihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
“Isaanis gara jireenyaatti deebiʼanii miila isaaniitiin dhaabbachuu jalqaban”
Bara 1919tti sabni Yihowaa ‘deebiʼanii lubbuudhaan jiraachuu’ erga jalqabanii booda hojii lallabaa finiinsaniiru