-
“Saba Tokko Isaan Nan Godha”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
4. Wanti Hisqiʼel itti aansuudhaan uleewwan lamaan irratti raawwate maal argisiisa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
4 Hisqiʼel uleewwan lamaan sun “ulee tokko akka taʼaniif” akka walitti isaan qabu ajajameera. Boojiʼamtoonni Hisqiʼeliin ilaalaa turan, “Wantoonni kun hiika maalii akka qaban nutti hin himtuu?” isaan jedhan. Innis hojiin argisiisni kun wanta Yihowaan raawwatu kan argisiisu akka taʼe isaanitti hime. Yihowaan uleewwan lamaan sana ilaalchisee, “Ulee tokko isaan nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu” jechuudhaan dubbateera.—His. 37:17-19.
5. Wanti Hisqiʼel hojiidhaan argisiise hiika maalii qaba? (Saanduqa, “Uleewwan Lamaan Walitti Qabsiisuu” jedhu ilaali.)
5 Achiis, Yihowaan uleewwan wal qabatan lamaan hiika maalii akka qaban ibseera. (Hisqiʼel 37:21, 22 dubbisi.) Namoonni mootummaa Yihudaa gosa lamaanii fi mootummaa Israaʼel gosa kurnanii (Efreem) keessaa boojiʼaman biyya Israaʼelitti ni deebiʼu, achittis “saba tokko” ni taʼu.—Er. 30:1-3; 31:2-9; 33:7.
-
-
Uleewwan Lamaan Walitti QabsiisuuYihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
‘harka kee keessatti ulee tokko ni taʼu’
BARA DURIITTI
Dh.K.D. bara 537tti Waaqeffattoonni dhugaan saboota keessaa deebiʼanii, Yerusaalemiin deebisanii ijaaruudhaan saba tokko taʼanii waaqeffachuu jalqaban.
BARA KEENYATTI
Bara 1919 irraa jalqabee sabni Waaqayyoo suutuma suuta deebiʼanii gurmaaʼaniiru, akkasumas tokko taʼanii tajaajiluuf “tuuta tokko” taʼaniiru.
-