LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Yaa Goog . . . Ani Si Irratti Kaʼeera”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • ‘Biyyi’ Sun Maali Dha?

      11. Mulʼanni Hisqiʼel “biyya” Goog weeraru kan ibsu akkamitti?

      11 Akkuma keeyyata 3⁠ffaa irratti baranne Goog inni biyya Maagoog biyya Yihowaa biratti gatii guddaa qabdu weeraruudhaan dheekkamsa Yihowaa isa guddaa kakaasa. Maarree biyyi kun maali dha? Mee gara raajii Hisqiʼelitti deebinee haa ilaallu. (Hisqiʼel 38:8-12 dubbisi.) Raajichi Goog “biyya sabni isaa . . . deebifamee” fi ‘saboota keessaa deebiʼee walitti qabame’ akka weeraru dubbata. Kana malees, raajiin kun waaqeffattoota Yihowaa biyya isaaniitti deebifamanii fi biyyattii keessa jiraatan ilaalchisee maal akka jedhu hubadhaa: Isaan “tasgabbiidhaan jiraatu”; bakki isaan jiraatanis gandeen “dallaawwan, danqaraawwan yookiin karrawwan hin qabne keessa” dha; akkasumas ‘qabeenya kuufachaa jiru.’ Biyyi kun biyya namoonni waaqeffannaa qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessanii fi addunyaa maratti argaman keessa jiraatani dha. Kana beekuu kan dandeenyu akkamitti?

      12. Bara duriitti biyya Israaʼel keessatti haaromsa akkamiitu raawwatame?

      12 Haaromsa Israaʼel durii keessatti raawwatame ilaaluun keenya gaarii dha; biyyattiin bakka sabni Waaqayyoo warri filatamoo taʼan jaarraawwan hedduudhaaf keessa jiraatan, keessatti hojjetanii fi keessatti waaqeffatan turte. Yommuu Israaʼelonni amanamoo taʼuu didanitti Yihowaan karaa Hisqiʼel biyyi isaanii akka badduu fi ona akka taatu raajii dubbateera. (His. 33:27-29) Taʼus Yihowaan Israaʼelonni hafanii fi yaada geeddaratan boojuu Baabilon jalaa baʼanii gara biyya isaaniitti akka deebiʼanii fi achitti waaqeffannaa qulqulluu deebisanii akka hundeessanis raajii dubbateera. Biyyi Israaʼel eebba Yihowaa waan argattuuf jijjiiramtee ‘akkuma iddoo biqiltuu Eedanitti’ ni lalisti. (His. 36:34-36) Haaromsi kun, Dh.K.D. bara 537⁠tti yommuu Yihudoonni boojiʼaman gara Yerusaalemitti deebiʼanii biyya isaanii keessatti waaqeffannaa qulqulluu deebisanii hundeessanitti raawwatamuu jalqabeera.

      13, 14. (a) Biyyi hafuuraa maali dha? (b) Biyyi kun Yihowaa biratti gatii guddaa qaba kan jennu maaliifi?

      13 Bara keenyattis haalli kanaa wajjin wal fakkaatu namoota Waaqayyoof waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan mudateera. Akkuma Boqonnaa 9⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti baranne sabni Waaqayyoo bara 1919⁠tti boojuu Baabilon Guddittii isa bara dheeraadhaaf ture jalaa bilisa baʼaniiru. Bara sanatti Yihowaan namoota waaqeffannaa qulqulluu isa deebiʼee hundeeffame deeggaran biyya hafuuraa tokkotti galcheera. Biyyi kun jannata hafuuraa, jechuunis naannoo ykn haala tasgabbaaʼaa karaa hafuuraa badhaadhaa taʼee fi warri Waaqayyoon waaqeffatan keessatti argamani dha. Nutis nagaa sammuu argannee tasgabbiidhaan biyya kana keessa jiraanna. (Fak. 1:33) Nyaata hafuuraa hedduu ni arganna, akkasumas waaʼee Mootummaa Waaqayyoo labsuu irratti hojii gammachiisaa raawwannu baayʼee qabna. Dhuguma iyyuu yaanni kitaaba fakkeenyaa, “Eebbi Yihowaa sooressa nama godha, innis isaa wajjin rakkina tokko illee hin dabalu” jedhu dhugaa taʼuu isaa argaa jirra. (Fak. 10:22) Bakki nuti jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan waaqeffannaa qulqulluu dammaqinaan yoo deeggarre biyya kana keessa, jechuunis jannata hafuuraa keessa jirra jechuun ni dandaʼama.

      14 Biyyi hafuuraa kun Yihowaa biratti gatii guddaa qaba. Maaliif? Ija isaa duratti jiraattonni biyyattii, jechuunis warri inni gara waaqeffannaa qulqulluutti harkise ‘wantoota gatii guddaa qabanii fi saboota hundumaa keessaa dhufani dha.’ (Hag. 2:7; Yoh. 6:44) Namoonni kun namummaa haaraa isa amaloota Waaqayyoo warra guguddaa taʼan calaqqisiisu uffachuuf garaadhaa carraaqqii godhu. (Efe. 4:23, 24; 5:1, 2) Warra waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan waan taʼaniif tajaajila isaa irratti hirmaachuuf guutummaatti of dhiheessu, kanas karaa isaaf ulfina argamsiisuu fi jaalala isaaf qaban argisiisuun ni raawwatu. (Rom. 12:1, 2; 1 Yoh. 5:3) Yihowaan waaqeffattoonni isaa biyya hafuuraa kana bareechuuf cimanii hojjechuu isaanii yommuu argu hammam akka gammadu tilmaamuu dandeenya. Mee yaadi: Jireenya kee keessatti waaqeffannaa qulqulluudhaaf dursa kennuudhaan jannata hafuuraa bareechuu qofa utuu hin taʼin garaa Yihowaas gammachiisuu ni dandeessa.—Fak. 27:11.

      Fakkiiwwan: Waaqeffattoota Yihowaa. 1. Obbolootaa fi obboleettota Galma Walgaʼii keessatti waliin haasaʼaa jiran. 2. Obbolootaa fi obboleettota Galma Walgaʼii suphuu irratti gargaarsa gochaa jiran. 3. Obboleessi tokko mana hidhaa keessa taaʼee yommuu kadhatu. 4. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko obboleettii baayʼee dhukkubsattee hoospitaala ciistee jirtu gaafachaa jiru.

      Bakki nuti jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe waaqeffannaa qulqulluu dammaqinaan ni babalʼisna taanaan biyya hafuuraa keessa jirra (Keeyyata 13, 14 Ilaali)

  • “Yaa Goog . . . Ani Si Irratti Kaʼeera”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 16 Goog inni biyya Maagoog biyya hafuuraa keenya isa deebiʼee haareffame kan weeraru yoomi? Raajichi, “Bara dhumaatti ati biyya . . . sana ni weerarta” jechuudhaan deebii kenna. (His. 38:8) Kun yeroo dhuma sirna kanaatti dhihaatee jiru argisiisa. Rakkinni guddaan badiisa Baabilon Guddittii ishii amantiiwwan sobaa addunyaa irra jiran hunda argisiistuun akka jalqabu yaadadhaa. Dhaabbileen amantii sobaa erga badanii boodaa fi Armaagedoon jalqabuu isaa dura, Goog waaqeffattoota dhugaa irratti haleellaa guddaa isa dhumaa bana.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi