LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Barumsa Mana Qulqullummaa Hisqiʼel Mulʼataan Arge Irraa Argamu
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • “Seerri Mana Qulqullummaa Kana Dha”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Mulʼanni Hisqiʼel Yeroo Harʼaatti Maal Nu Barsiisa?

      Beeladoota mana qulqullummaa mulʼataan argame sana keessatti aarsaa taʼanii dhihaatan.

      SAANDUQA 13A: Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa

      13, 14. (a) Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge bara keenyattis raawwatamaa akka jiru akkamitti beekna? (b) Yeroo harʼaatti mulʼanni kun karaawwan akkamii lamaan nu fayyada? (Saanduqa 13A, “Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa” jedhus ilaali.)

      13 Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge yeroo harʼaatti nuuf akka hojjetu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya. Mulʼanni Hisqiʼel manni Waaqayyoo inni qulqulluun “gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko” irratti argee fi raajiin Isaayyaas ‘gaarri mana Yihowaa fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee akka dhaabbatu’ dubbate akka wal fakkaatu yaadadhaa. Isaayyaas raajiin isaa kun “guyyoota dhumaatti” akka raawwatamu adda baasee ibseera. (His. 40:2; Isa. 2:2-4; dabalataanis Miikiyaas 4:1-4 ilaali.) Raajiiwwan kun guyyoota dhumaa keessa, jechuunis bara 1919 irraa jalqabee yeroo waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamettii fi akka waan gaara dheeraa taʼe tokko irra taaʼeetti yommuu ol kaafametti raawwii isaa argateera.b

      14 Kanaafuu mulʼanni Hisqiʼel waaqeffannaa qulqulluu yeroo harʼaatti argamuufis akka hojjetu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Mulʼanni kun akkuma Yihudoota bara duriitti boojiʼamanii turan fayyade, nuunis yeroo harʼaatti karaawwan lamaan nu fayyada. (1) Ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif baase akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu nu barsiisa. (2) Raajii waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamuu fi eebba Yihowaa akka argannu nuu mirkaneessu qabateera.

  • Barumsa Mana Qulqullummaa Hisqiʼel Mulʼataan Arge Irraa Argamu
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Diyaagiraamii qabiyyeewwan ijoo mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge qabu argisiisu. Qabiyyeewwn kun: 1. Gaara dheeraa. 2. Dallaa itti marsee jiru. 3. Iddoo balʼaa gamoo mana qulqullummaatti marsee jiru. 4. Laga iddoo qulqulluu mana qulqullummaa keessaa yaaʼu. 5. Karrawwan alaa. 6. Dallaa gamoo mana Qulqullummaa. 7. Mooraa alaa. 8. Kutaawwan nyaataa warra alaa. 9. Karrawwan keessaa. 10. Mooraa keessaa. 11. Iddoo aarsaa. 12. Iddoo qulqulluu mana qulqullummaa. Xiyyaarri imaltootaa guddaan tokko (gara meetira 75) dallaa mooraa mana qulqullummaa isa kallattii hundaan jiru (meetira 1,555) wajjin yommuu wal bira qabamu baayʼee xiqqoo dha.

      Waaqeffannaa Qulqulluun Ol Ol Qabame, Eegumsas ni Argate

      Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge “gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko” (1) irratti ol kaafameera. Nuti hoo hunda caalaa waaqeffannaa qulqulluudhaaf dursa kennuudhaan jireenya keenya keessatti ol kaasneerraa?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi