LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Maqaan Magaalaa Sanaa Yihowaan Achi Jira kan Jedhu ni Taʼa”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 4. Seenaa waaʼee lafa Yihowaadhaaf buusii taʼee kenname ibsu irraa barumsa akkamii arganna?

      4 Seenaa waaʼee lafa Yihowaadhaaf buusii taʼee kenname kanaa ibsu irraa barumsa akkamii arganna? Yihowaan jalqaba irratti laficha buusii adda taʼe kanaaf adda baasuudhaan, achiis lafa kaan gosoota Israaʼeliif kennuudhaan lafa buusii wiirtuu waaqeffannaa taʼe kanaaf dursi kennamuu akka qabu argisiiseera. (His. 45:1) Warri boojiʼaman lafichi akka barbaachisummaa isaatti duraa duubaan hihiramuu isaa irraa wanta hedduu akka baratan beekamaa dha. Jireenya isaanii keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif iddoo hunda irra caalu kennuu qabu. Haaluma wal fakkaatuun nutis yeroo harʼaatti sochiiwwan hafuuraa kanneen akka Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu fi hojii lallabaa irratti hirmaachuu jiran jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabanitti ilaalla. Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif dursa kennuudhaan fakkeenya Yihowaa yommuu hordofnu jireenyi keenya isa waaqeffachuu irratti akka xiyyeeffatu goona.

  • “Buusiin Isin Adda Baastan”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • D. “Buusii Qulqulluu”

      Naannoon kun “qooda qulqulluu” akka taʼes ibsameera. Kutaan inni olii kan ‘Leewwotaa ti.’ Kun iddoo “qulqulleeffame” dha. Kutaan inni gidduu immoo “buusii qulqulluu lubootaaf kennamu” dha. Iddoon kun bakka “mana isaaniitiif, akkasumas iddoo qulqulluu mana qulqullummaa sanaaf” taʼu dha.

      HIS. 45:1-5; 48:9-14

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi