LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 1, 2. Akka Hisqiʼel 47:1-12 jedhutti, wanti Hisqiʼel argee fi hubate maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

      HISQIʼEL mulʼata waaʼee mana qulqullummaa ibsu keessatti ammas wanta nama dinqisiisu kan biraa arge: Gamoo qulqulluu sana keessaa lagni tokko yaaʼaa jira! Bishaan qulqulluu sana hordofee yommuu deemu yaadaan ilaalaa. (Hisqiʼel 47:1-12 dubbisi.) Lagichi gubanii balbala iddoo qulqulluu jalaa burqa, achiis karaa karra isa bahaa biratti argamuun gamoo mana qulqullummaa keessaa baʼa. Maleekaan isa daawwachiisu sun mana qulqullummaa keessaa isa baasee fageenya isaa safaraa deeme. Sana booda Hisqiʼel yeroo baayʼee bishaanicha keessa akka deemu godhe; achiis raajichi gadi fageenyi bishaan kanaa saffisaan dabalaa akka deemu hubate; utuma baayʼee hin turin bishaanichi laga guddaa daakaadhaan yoo taʼe malee ceʼuun hin dandaʼamne taʼe.

  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 5. Lagni mulʼaticha keessatti ibsame sun yeroo hunda eebbi namoota hundumaatiif gaʼu akka jiraatu kan mirkaneessu akkamitti?

      5 Yeroo hunda eebbi hunda isaanii gaʼu ni jiraataa? Mulʼanni kun bishaanichi haala dinqii taʼeen fageenya gara kiilomeetira lamaa gidduutti burqaa xinnoo irraa gara laga guddaatti akka guddatu waan ibsuuf, eebbi kun nama hundumaatiif ni gaʼa. (His. 47:3-5) Lakkoofsi Yihudoota biyya isaaniitti deebiʼanii dabaluu dandaʼa; haa taʼu malee eebbi Yihowaa dabalee fedhii isaanii ni guuta. Lagichi eebbi sun baayʼee taʼuu isaa argisiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi