-
‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
2 Hisqiʼel lagichi gara Galaana Duʼaatti akka yaaʼu, achiis bakka bishaan lagichaa itti yaaʼu hundumaatti bishaan soogidda taʼee fi lubbuun keessa hin jiraanne akka fayyisu, akkasumas bishaanichi qurxummiidhaan akka guutamu akka godhu hubateera. Achiis qarqara lagichaatti akaakuun mukeetii hundi baayʼinaan biqiluu isaanii arge. Mukeetiin kun jiʼa jiʼaan firii haaraa nyaataaf taʼu ni godhatu, baala qorichaaf taʼus ni baafatu. Hisqiʼel wantoota kana hunda arguun isaa garaan isaa nagaa fi abdiidhaan akka guutamu godhee taʼuu qaba. Maarree kutaan mulʼata mana qulqullummaa kanaa isaafis taʼe warra isaa wajjin boojiʼamanii jiraniif hiika maalii qaba? Yeroo harʼaatti hoo nuuf hiika maalii qaba?
-
-
‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
6. (a) Mulʼanni kun abdii gammachiisaa akkamii qabateera? (b) Mulʼatichi akeekkachiisa akkamii qabateera? (Miiljalees ilaali.)
6 Bishaan jireenya kennu. Mulʼata Hisqiʼel keessatti lagni gara Galaana Duʼaatti yaaʼu harka caalaa bishaanichaa fayyiseera. Bishaanichi akaakuuwwan qurxummii hedduu Galaana Guddaa ykn Galaana Meditiraaniyaa keessatti argamanii wajjin qixxee taʼeef jireenya akka argamsiise hubadhaa. Kana irra darbees qarqara Galaana Duʼaatti, jechuunis magaalota hamma tokko wal irraa fagoo jiran lama gidduutti namoonni qurxummii kiyyeessan hedduun jiru turan. Maleekaan sun, “Iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundis lubbuudhaan ni jiraata” jedheera. Maarree kana jechuun bishaan mana Yihowaa keessaa yaaʼu Galaana Duʼaa waliin gaʼa jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Maleekaan sun bishaan jireenya kennu naannoo dhaqdhaqii tokko tokko bira akka hin geenye ibseera. Iddoowwan kun, “iddoo soogiddaa taʼanii hafu.”b (His. 47:8-11) Kanaafuu mulʼanni kun waaqeffannaa qulqulluun sabichi karaa hafuuraa akka fayyuu fi akka lalisu akka godhu abdii gammachiisaa kenna. Haa taʼu malee akeekkachiisni tokko himamuu isaas hubadhaa: Eebba Yihowaa kan argatanis taʼe kan fayyan namoota hunda miti.
-
-
Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
Bishaan Jireenya Kennu
BARA DURIITTI: Yihowaan sabni isaa warri ajajamoo taʼan lakkoofsi isaanii yommuu dabaletti illee, karaa hafuuraa akka lalisan gochuudhaan baayʼee isaan eebbiseera
BARA KEENYATTI: Jannata hafuuraa guddachaa jiru keessatti namoonni yeroo kam iyyuu caalaa lakkoofsi isaanii dabalaa dhufe eebba hafuuraa Yihowaa isa balʼinaan yaaʼaa jiru irraa fayyadamaa jiru; akkasumas karaa hafuuraa gara jireenyaatti dhufaa jiru
GARA FUULDURAATTI: Warri Armaagedoon irraa oolan, namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi duʼaa kaʼanii wajjin eebba Yihowaa isa hunduma isaaniitiif gaʼu ni argatu
-
-
‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
12. (a) Ergaan dhugaa, karaa hafuuraa namootaaf jireenyaa fi fayyaa argamsiisaa kan jiru akkamitti? (b) Mulʼatichi yeroo harʼaatti akeekkachiisa barbaachisaa akkamii nuuf dabarsa? (Miiljalees ilaali.)
12 Bishaan jireenya kennu. Hisqiʼel, ‘iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundi lubbuudhaan akka jiraatu’ itti himameera. Mee akkaataa itti ergaan dhugaa gara namoota biyya hafuuraa keenya isa deebiʼee hundeeffametti dhufan hundumaatti yaaʼaa jiru yaadaa. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu namoota dhugaa kana fudhatanii fi miliyoonaan lakkaaʼamaniif jireenyaa fi fayyina hafuuraa argamsiiseera. Haa taʼu malee mulʼanni kun akeekkachiisa barbaachisaa taʼe tokkos qabateera: Dhugaa kana kan fudhatan namoota hunda miti. Akkuma iddoowwan dhaqdhaqii fi caffee Galaana Duʼaa mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman sanaa, namoonni dhugaa kana fudhachuu fi hojii irra oolchuu didan jiru.c Nuti garuu matumaa namoota akkanaa taʼuu hin barbaannu.—Keessa Deebii 10:16-18 dubbisi.
-