LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 6. (a) Mulʼanni kun abdii gammachiisaa akkamii qabateera? (b) Mulʼatichi akeekkachiisa akkamii qabateera? (Miiljalees ilaali.)

      6 Bishaan jireenya kennu. Mulʼata Hisqiʼel keessatti lagni gara Galaana Duʼaatti yaaʼu harka caalaa bishaanichaa fayyiseera. Bishaanichi akaakuuwwan qurxummii hedduu Galaana Guddaa ykn Galaana Meditiraaniyaa keessatti argamanii wajjin qixxee taʼeef jireenya akka argamsiise hubadhaa. Kana irra darbees qarqara Galaana Duʼaatti, jechuunis magaalota hamma tokko wal irraa fagoo jiran lama gidduutti namoonni qurxummii kiyyeessan hedduun jiru turan. Maleekaan sun, “Iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundis lubbuudhaan ni jiraata” jedheera. Maarree kana jechuun bishaan mana Yihowaa keessaa yaaʼu Galaana Duʼaa waliin gaʼa jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Maleekaan sun bishaan jireenya kennu naannoo dhaqdhaqii tokko tokko bira akka hin geenye ibseera. Iddoowwan kun, “iddoo soogiddaa taʼanii hafu.”b (His. 47:8-11) Kanaafuu mulʼanni kun waaqeffannaa qulqulluun sabichi karaa hafuuraa akka fayyuu fi akka lalisu akka godhu abdii gammachiisaa kenna. Haa taʼu malee akeekkachiisni tokko himamuu isaas hubadhaa: Eebba Yihowaa kan argatanis taʼe kan fayyan namoota hunda miti.

  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • b Namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennan tokko tokko namoonni naannoo kana jiraatan yeroo dheeraa dhaaf naannoo Galaana Duʼaatti soogidda nyaanni utuu hin mancaʼin yeroo dheeraa akka turu godhu oomishaa akka turan caqasuudhaan ibsi kun gaarii akka taʼe yaadu. Haa taʼu malee, seenaan isaa iddoowwan dhaqdhaqii taʼan sun akka ‘hin fayyifamne’ ifatti dubbata. Iddoowwan kun bishaan jireenya kennuu fi mana Yihowaa keessaa yaaʼu achi waan hin geenyeef, lubbuun kan keessa hin jiraannee fi kan hin fayyifamne taʼanii hafu. Kanaafuu, mulʼata kana keessatti iddoowwan soogiddaa dhaqdhaqii taʼan kun yaada gaarii kan dabarsan hin fakkaatu.—Far. 107:33, 34; Er. 17:6.

      c Fakkeenya Yesuus waaʼee saaphanaa dubbate keessattis yaanni wal fakkaatu ibsameera. Kiyyoon sun qurxummii hedduu kan qabate taʼus, hundi isaanii garuu qurxummii “gaggaarii” hin turre. Kanaafuu, warri gatii hin qabne ni gatamu. Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee namoonni gara jaarmiyaa Yihowaatti dhufan hedduun yeroo booda amanamoo utuu hin taʼin hafuu akka dandaʼan akeekkachiiseera.—Mat. 13:47-50; 2 Xim. 2:20, 21.

    • 12. (a) Ergaan dhugaa, karaa hafuuraa namootaaf jireenyaa fi fayyaa argamsiisaa kan jiru akkamitti? (b) Mulʼatichi yeroo harʼaatti akeekkachiisa barbaachisaa akkamii nuuf dabarsa? (Miiljalees ilaali.)

      12 Bishaan jireenya kennu. Hisqiʼel, ‘iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundi lubbuudhaan akka jiraatu’ itti himameera. Mee akkaataa itti ergaan dhugaa gara namoota biyya hafuuraa keenya isa deebiʼee hundeeffametti dhufan hundumaatti yaaʼaa jiru yaadaa. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu namoota dhugaa kana fudhatanii fi miliyoonaan lakkaaʼamaniif jireenyaa fi fayyina hafuuraa argamsiiseera. Haa taʼu malee mulʼanni kun akeekkachiisa barbaachisaa taʼe tokkos qabateera: Dhugaa kana kan fudhatan namoota hunda miti. Akkuma iddoowwan dhaqdhaqii fi caffee Galaana Duʼaa mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman sanaa, namoonni dhugaa kana fudhachuu fi hojii irra oolchuu didan jiru.c Nuti garuu matumaa namoota akkanaa taʼuu hin barbaannu.—Keessa Deebii 10:16-18 dubbisi.

  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 14, 15. (a) Iddoowwan dhaqdhaqii hin fayyifamnee fi mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman irraa maal baranna? (b) Yeroo harʼaatti laga mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame irraa faayidaa akkamii arganna?

      14 Iddoowwan dhaqdhaqii hin fayyifamne sana irraas barumsa argachuu dandeenya. Matumaa eebbi Yihowaa gara keenyatti akka hin yaane dhowwuu hin barbaannu. Akkuma namoota hedduu addunyaa dhukkubsate kana keessa jiraniitti utuu hin fayyin hafuun nama gaddisiisa. (Mat. 13:15) Kanaa mannaa laga eebba argamsiisu kana irraa faayidaa argachuu keenyatti ni gammanna. Bishaan dhugaa isa qulqulluu Dubbii Waaqayyoo irraa argamu hawwiidhaan yommuu dhugnu, hojii lallabaa keenyatti fayyadamnee dhugaa kana warra kaaniif yommuu hirru, akkasumas jaarsolii garbichi amanamaan leenjise irraa qajeelfama, jajjabinaa fi gargaarsa jaalala irratti hundaaʼe yommuu argannu laga Hisqiʼel mulʼataan arge sana ni yaadanna taʼa. Lagichi bakka dhaqu hundumaatti jireenyaa fi fayyina argamsiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi