-
“Dhumni Si Irratti Dhufeera”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
7. Yihowaan Hisqiʼel rifeensicha bakka sadiitti akka qoqqooduu fi wantoota adda addaa akka ittiin raawwatu kan itti hime maaliifi?
7 Yihowaan Hisqiʼel rifeensa isaa isa haadame bakka adda addaa sadiitti akka qoqqooduu fi wantoota adda addaa akka ittiin raawwatu kan itti hime maaliifi? (Hisqiʼel 5:7-12 dubbisi.) Hisqiʼel jiraattonni Yerusaalem tokko tokko magaalattii keessatti akka duʼan namoota isa ilaalaa jiranitti argisiisuuf, rifeensa sana keessaa muraasa isaa “magaalattii keessatti” gubeera. Hisqiʼel jiraattonni tokko tokko magaalattiidhaa alatti akka ajjeefaman argisiisuuf, rifeensa sana keessaa muraasa isaa “naannoo magaalattiitti” goraadeedhaan rukuteera. Jiraattonni magaalattii kan biroon saboota gidduutti akka bittinnaaʼan argisiisuuf immoo rifeensa sana keessaa muraasa isaa bubbee keessa bittinneesseera; haa taʼu malee namoonni kun ‘goraadeedhaan ni ariʼamu.’ Kanaafuu, namoonni badiisa irraa oolan kun eessa iyyuu yoo jiraatan nagaa hin argatan.
-
-
“Mataa Kee fi Areeda Kee Haaddadhu”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
“Gubi”
Yihudoonni tokko tokko magaalattii keessatti ni duʼu
‘Rukuti’
Yihudoonni tokko tokko magaalattiidhaa alatti ni ajjeefamu
‘Bittinneessi’
Yihudoonni tokko tokko ni oolu; taʼus nagaa hin argatan
-
-
“Dhumni Si Irratti Dhufeera”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
10 Dubbiin Waaqayyoo, deeggartoota amantii sobaa keessaa tokko tokko badiisa dhaabbilee amantii sobaa irra gaʼu jalaa akka oolan argisiisa. Namoonni oolan kun baayʼee sodaachuu isaanii irraa kan kaʼe, warra kaanii wajjin iddoo itti dhokatan barbaaddatu. (Zak. 13:4-6; Mul. 6:15-17) Haalli isaanii wanta jiraattota Yerusaalem ishii durii warra badiisa irraa oolanii “bubbee” keessa bittinnaaʼanii turan irra gaʼe nu yaadachiisa. Akkuma keeyyata 7ffaa irratti ilaalle, yeroodhaaf lubbuudhaan kan oolan taʼus, Yihowaan isaan “ariʼuuf goraadee” luqqifateera. (His. 5:2) Haaluma walfakkaatuun iddoon dhokannaa, namoonni haleellaa amantii irratti banamu jalaa oolan kun itti baqatan kam iyyuu, goraadee Yihowaa jalaa isaan eeguu hin dandaʼu. Namoonni kun waraana Armaagedoon irratti namoota akka reʼee taʼan hundumaa wajjin ni ajjeefamu.—His. 7:4; Mat. 25:33, 41, 46; Mul. 19:15, 18.
Misiraachoo himuu wajjin haala wal qabateen “duudaa” taana
-