LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 11 Jaarraawwan Sabni Kiristiyaanaa ol aantummaa itti argatte hundatti Kiristiyaanonni dhugaan “qamadii” Yesuus fakkeenyaan ibsetti fakkeeffaman muraasni jiru turan. Akkuma Yihudoota boojiʼamanii fi Hisqiʼel 6:9 irratti ibsamaniitti isaanis Waaqa dhugaa yaadataniiru. Isaan keessaa tokko tokko barumsawwan sobaa Sabni Kiristiyaanaa barsiistu ija jabinaan mormaniiru. Kanaan kan kaʼes qoosaa fi ariʼatamni isaan irra gaʼeera. Maarree Yihowaan saba isaa amantii sobaa keessatti ni dhiisaa? Lakki, hin dhiisu. Yihowaan akkuma Israaʼel durii irratti godhe, aarii isaa kan ibse hamma isaaniif maluu fi yeroo murtaaʼeef qofa ture. (Er. 46:28) Kana malees Yihowaan saba isaatiif abdii kenneera. Mee amma gara Yihudoota boojiʼamanii Baabilon ishii durii keessa jiraatanitti deebinee, Yihowaan gara biyya isaaniitti isaan deebisuuf abdii kan isaaniif kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

      Jaarraawwan Sabni Kiristiyaanaa ol aantummaa itti argattetti qeesonni tokko tokko Kiristiyaana dhugaa tokko muka irratti gubuuf yommuu qophaaʼan.

      Kiristiyaanonni dhugaan jaarraawwan hedduudhaaf Baabilon Guddittii irraa ariʼatamni isaan irra gaʼeera (Keeyyata 10, 11 Ilaali)

  • “Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 13 Warra boojiʼaman keessaa Yihudoonni amanamoo taʼanii fi namoota amanamoo hin taanee wajjin boojuudhaan fudhatamanis jiru turan. Dabalataanis Waaqayyo saba isaa keessaa tokko tokko boojuu jala utuma jiranii yaada akka geeddaratan karaa Hisqiʼel dubbateera. Yihudoonni gaabban kun Waaqa isaanii irratti finciluudhaan wantoota qaanessaa raawwatan ni himatu, akkasumas Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhuu fi isa biratti fudhatama argachuuf ni kadhatu. (His. 6:8-10; 12:16) Hisqiʼel akkuma Daaniʼel raajichaa fi michoota isaa sadanii namoota amanamoo taʼan sana keessaa tokko ture. Daaniʼel bara dheeraa waan jiraateef yeroo itti boojuun sun jalqabee fi xumurame argeera. Cubbuu Israaʼel raawwatteef dhiifama argachuuf kadhannaan inni garaadhaa dhiheesse Daaniʼel boqonnaa 9 irratti galmeeffameera. Miirri isaa miira namoota kuma hedduutti lakkaaʼamanii fi boojuu jala turanii wajjin tokko akka taʼe beekamaa dha; namoonni kun warra dhiifamaa fi eebba Yihowaa deebisanii argachuuf hawwani dha. Dhuguma iyyuu abdiiwwan Hisqiʼel boojuu jalaa akka baʼanii fi waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ilaalchisee barreesse baayʼee nama gammachiisa!

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi