LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Dhumni Si Irratti Dhufeera”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Distii ibidda irra jiru

      Yerusaalem ishiin marfamte ‘distii ibidda irra jiru’ fakkaatteetti (Keeyyata 15 Ilaali)

      15. Kutaawwan raajii Hisqiʼel Dh.K.D. bara 609 irraa eegalee raawwatamuu jalqaban kam faʼi?

      15 Hisqiʼel Yerusaalem akka kuftu erga labsee waggoota muraasa booda, raajichi raawwatamuu jalqabe. Dhaloota Kiristoos Dura bara 609⁠tti Yerusaalem irratti haleellaan banamuu akka jalqabe hubate. Yeroo sanatti namoonni yommuu sagalee xurumbaa dhagaʼanitti magaalaa isaanii diina irraa ittisuuf walitti qabamu turan, haa taʼu malee akkuma Hisqiʼel dursee dubbate, ‘namni tokko illee gara dirree waraanaa hin deemne.’ (His. 7:14) Jiraattonni Yerusaalem magaalattii irraa diina ittisuu fi Baabilonota weerartoota taʼan waraanuuf walitti hin qabamne. Yeroo kanatti Yihudoonni tokko tokko Yihowaan akka isaan oolchu yaadanii taʼuu dandaʼa. Yihowaan sana dura, yommuu warri Asoor Yerusaalemiin akka qabatan doorsisanii turanitti, maleekaan isaa tokko loltoota isaanii keessaa hedduu isaanii akka balleessu gochuudhaan isaan oolchee ture. (2 Mot. 19:32) Garuu yeroo kanatti maleekaan isaan gargaaru hin turre. Utuma baayʼee hin turin magaalaan marfamte kun ‘distii ibidda irra jiru’ fakkaatteetti, jiraattonni ishii immoo “foon” distii keessa jiru taʼanii turan. (His. 24:1-10) Yerusaalem jiʼa 18f haala nama dhiphisuun erga marfamtee booda ni balleeffamte.

  • “Dhumni Si Irratti Dhufeera”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Meetii fi warqii daandii irratti darbataman.

      Jiraattonni Yerusaalem ishii durii ‘meetii isaanii daandii irratti kan gatan’ maaliifi? (Keeyyata 17 Ilaali)

      17. Yeroo rakkina guddaatti haalawwanii fi taʼeewwan akkamii argina?

      17 Dabalataanis raajiin Hisqiʼel, yommuu dhaabbilee amantii irratti haleellaan banamutti, miseensonni waldichaa amantiidhaaf loluuf ‘gara dirree waraanaa akka hin deemne’ nu yaadachiisa. Kanaa mannaa, kadhannaan “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa” jechuudhaan dhiheessan deebii akka hin arganne yommuu hubatan, “harki isaanii hundi lamshaaʼee ni rarraʼa,” ‘naasuunis isaan qabata.’ (His. 7:3, 14, 17, 18; Mat. 7:21-23) Wanti kan biraan isaan godhan hoo maali dha? (Hisqiʼel 7:19-21 dubbisi.) Yihowaan, “Isaan meetii isaanii daandii irratti gatu” jechuudhaan dubbateera. Wanti jiraattota Yerusaalem durii ilaalchisee dubbatame kun, wanta yeroo rakkina guddaatti raawwatamu akka gaariitti ibsa. Yeroo sanatti, namoonni maallaqni rakkina dhufu irraa isaan oolchuu akka hin dandeenye ni hubatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi