-
“Wanta Hamaa fi Jibbisiisaa Isaan . . . Raawwachaa Jiran Ilaali”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
Doʼii Lammaffaa: Jaarsolii 70 Waaqolii Sobaatiif Ixaana Aarsan
11. Hisqiʼel, gara mooraa isa keessaa isa iddoo aarsaa mana qulqullummaatti dhihoo jirutti erga seenee booda wantoota nama naasisan akkamii arge?
11 Hisqiʼel 8:7-12 dubbisi. Hisqiʼel qaawwa girgiddaa tokkoo balʼisuudhaan, gara mooraa isa keessaa isa iddoo aarsaa mana qulqullummaatti dhihoo jirutti seenee, “wantoota munyuuqanii fi bineensota jibbisiisoo taʼan, . . . akkasumas waaqolii tolfamoo . . . warra balfamoo taʼan hundumaa” girgiddaa sana irratti bocamanii arge.c Wantoonni girgiddaa sana irratti bocaman waaqolii sobaa argisiisu. Wanti Hisqiʼel kanatti aansuudhaan arge caalaatti kan nama jibbisiisu ture: “Jaarsoliin mana Israaʼel 70ni” “dukkana keessa” dhaabbatanii waaqolii sobaatiif ixaana aarsaa turan. Seericha keessatti ixaanni urgaa gaarii qabu, kadhannaa fudhatama qabuu fi waaqeffattoonni amanamoo taʼan dhiheessan argisiisa. (Far. 141:2) Haa taʼu malee, ixaanni jaarsoliin 70ni waaqolii sobaatiif dhiheessan kun Yihowaa duratti wanta xuraaʼaa foolii ajaaʼu qabu ture. Kadhannaan isaanii isaaf akkuma foolii jibbisiisaa ture. (Fak. 15:8) Jaarsoliin kun “Yihowaan nu hin argu” jedhanii yaaduudhaan of gowwoomsaniiru. Haa taʼu malee, Yihowaan isaan argeera, wanta isaan mana qulqullummaa isaa keessatti raawwachaa turan hundumaas Hisqiʼelitti argisiiseera.
Yihowaan wanta jibbisiisaa “dukkana keessatti” raawwatamu kam iyyuu ni arga (Keeyyata 11 Ilaali)
12. “Dukkana keessatti” illee amanamoo taanee jiraachuu kan qabnu maaliifi? Gama kanaan fakkeenya gaarii taʼuu kan qaban hoo eenyu faʼi?
12 Seenaa Hisqiʼel jaarsolii mana Israaʼel 70 warra waaqolii sobaatiif ixaana aarsan ilaalchisee dubbate irraa maal baranna? Kadhannaan keenya Waaqayyo biratti akka dhagaʼamuu fi waaqeffannaan keenya isa duratti qulqulluu taʼee akka itti fufu yoo barbaanne “dukkana keessatti” illee isaaf amanamoo taanee jiraachuu qabna. (Fak. 15:29) Yihowaan wanta goonu hundumaa akka argu matumaa dagachuu hin qabnu. Yihowaan kan nuuf dhugoome yoo taʼe, wanta akka isa gaddisiisu beeknu kam iyyuu dhoksaatti hin raawwannu. (Ibr. 4:13) Keessumaa jaarsoliin gumii, jireenya Kiristiyaanummaa jiraachuudhaan fakkeenya gaarii taʼuu qabu. (1 Phe. 5:2, 3) Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessa jiran, jaarsi gumii isaan dura dhaabbatee walgaʼii gumii geggeessu tokko “dukkana keessatti,” jechuunis yeroo namoonni kaan isa hin arginetti illee akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti akka jiraatu isa irraa eeguun isaanii sirrii dha.—Far. 101:2, 3.