-
‘Adda Isaanii Irratti Mallattoo Godhi’Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
5, 6. Warri mallattoon itti godhame namoota akkamiiti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
5 Namichi gaanfa qalamaa qabate maal gochuuf jedha? Yihowaan namicha sanaan, “Magaalattii, jechuunis Yerusaalem keessa darbiitii adda namoota wantoota jibbisiisoo magaalattii keessatti raawwatamaa jiran hundumaatiin kan kaʼe gaddaa fi aadaa jiran irratti mallattoo godhi” jechuudhaan hojii guddaa isaaf kenneera. Tarii Hisqiʼel Israaʼelota amanamoo ijoolleen isaanii warri angafaa badiisa irraa akka oolan mallattoo akka taʼuuf maqaanii isaanii fi gubanii isaanii dhiiga diban yaadatee taʼuu dandaʼa. (Bau. 12:7, 22, 23) Haaluma kanaa wajjin wal fakkaatuun, mulʼata Hisqiʼel keessatti mallattoon namni gaanfa qalamaa qabate sun adda irratti godhu, nama badiisa Yerusaalem irraa ooluuf mallattoo taʼee tajaajilaa?
6 Mallattoo kana gochuun maaliif akka barbaachise yommuu qorannu deebiin isaa ifa nuu taʼa. Mallattoon kun kan godhamu adda “namoota wantoota jibbisiisoo magaalattii keessatti raawwatamaa jiran hundumaatiin kan kaʼe gaddaa fi aadaa jiran” irratti dha. Warri mallattoon itti godhame hoo namoota akkamii ti? Namoonni kun warra waaqolii tolfamoo mana qulqullummaatti waaqeffatamaniin kan kaʼe qofa utuu hin taʼin hammina, halalummaa fi mancaʼiinsa Yerusaalemiin guutee jiruun kan kaʼe garaa isaaniitti baayʼee gaddani dha. (His. 22:9-12) Kana malees namoonni kun miira isaanii akka hin dhoksine haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Dubbiinii fi gochi namoota garaa qajeelaa qaban kanaa, wanta biyyattii keessatti raawwatamaa jiru akka jibbanii fi waaqeffannaa qulqulluudhaaf amanamoo taʼuu isaanii kan argisiisu akka taʼe beekamaa dha. Yihowaan gara laafina isaatiin namoota isaaniif malu kana badiisa irraa ni oolcha.
-
-
‘Adda Isaanii Irratti Mallattoo Godhi’Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
9, 10. Namoonni amanamoon badiisa Yerusaalem irraa oolan tokko tokko eenyufaa turan? Isaan hoo namoota akkamii turan?
9 2 Seenaa Baraa 36:17-20 dubbisi. Raajiin Hisqiʼel kan raawwatame Dh.K.D. bara 607tti yommuu loltoonni Baabilon Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii balleessanitti ture. Akkuma ‘xoofoo harka Yihowaa keessa’ jiruutti warri Baabilon meeshaa Yihowaan Yerusaalem ishii amanamtuu hin taane irratti adaba dhangalaasuuf itti fayyadame taʼaniiru. (Er. 51:7) Haa taʼu malee, badiisni kun nama hundumaa irra gaʼaa? Lakki. Mulʼanni Hisqiʼel namoonni tokko tokko warra Baabiloniin akka hin balleeffamne dursee dubbateera.—Uma. 18:22-33; 2 Phe. 2:9.
10 Fakkeenyaaf, Reekaabota, nama Itoophiyaa kan taʼe Ebeedmeleek, Ermiyaas raajichaa fi Baaruk isa barreessaa isaa taʼe dabalatee, namoonni amanamoo taʼan hedduun badiisa sana irraa oolaniiru. (Er. 35:1-19; 39:15-18; 45:1-5) Namoonni kun ‘wantoota jibbisiisoo Yerusaalem keessatti raawwatamaa jiran hundumaatiin kan kaʼe gaddaa fi aadaa’ akka turan mulʼata Hisqiʼel irraa hubachuu dandeenya. (His. 9:4) Namoonni kun badiisa sana dura hammina akka jibbanii fi waaqeffannaa qulqulluutiif amanamoo taʼuu isaanii akka argisiisan beekamaa dha; kanaan kan kaʼes badiisa irraa ooluu dandaʼaniiru.
11. Namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatanii fi namichi gaanfa qalama barreessaa qabate eenyuun argisiisu?
11 Namoonni amanamoo taʼan sun badiisa irraa akka oolaniif kallattiidhaan mallattoon isaan irratti godhamee turee? Hisqiʼelis taʼe raajiin kam iyyuu Yerusaalem keessa deemanii adda namoota amanamoo taʼanii irratti mallattoo akka godhan wanti ibsame hin jiru. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti mulʼanni Hisqiʼel wanti ijaan hin mulʼanne tokko samii keessatti raawwatamaa akka ture ibsa. Namichi gaanfa qalama barreessaa qabatee fi namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatan uumamawwan hafuuraa Yihowaa warra amanamoo taʼanii fi yeroo hundumaa fedha isaa raawwachuuf qophaaʼan kan argisiisani dha. (Far. 103:20, 21) Yihowaan murtii Yerusaalem ishii amanamtuu hin taane irratti dabarse raawwachiisuuf maleekota isaatti akka fayyadame hin shakkisiisu. Akka waan adda namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoon godhameetti, maleekonnis badiisni sun namoota hundumaa irra utuu hin taʼin namoota filataman qofa irra akka gaʼu godhaniiru.
-