LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gadduu fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii fi Akkamitti?
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Namichi tokko meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatee jira.

      “Ajjeesuu”

      YOOM: Waraana Armaagedoonitti

      AKKAMITTI: Yesuus Kiristoosii fi raayyaan isaa inni samii, jechuunis maleekonnii fi namoonni 144,000 warri isaa wajjin bulchan addunyaa hamaa kana guutummaatti ni balleessu; warra waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan immoo badiisa irraa oolchanii gara addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatutti galchu

  • ‘Adda Isaanii Irratti Mallattoo Godhi’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 19. Yesuusii wajjin taʼuudhaan sirna kana irratti murtii kan raawwachiisan eenyu faʼi? (Saanduqa “Gadduu fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii fi Akkamitti?” jedhu ilaali.)

      19 Mootii samii kan taʼe Yesuus Kiristoosii fi raayyaan isaa warri samii murtii sirna kana irratti dabarfame ni raawwachiisu. Mulʼata Hisqiʼel keessatti, hanga namichi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffate sun mallattoo godhee xumurutti namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatan badiisa geessisuu hin jalqabne. (His. 9:4-7) Haaluma wal fakkaatuun badiisni gara fuulduraatti dhufu kan jalqabu Yesuus saboota hundumaa irratti murtii erga dabarsee fi hoolota badiisa irraa oolan irratti mallattoo erga godhee booda dha. Achiis yeroo waraana Armaagedoonitti Yesuus humnoota samii warra murtii raawwachiisan, jechuunis maleekota qulqulluu fi namoota 144,000 warra isaa wajjin bulchan hundumaa geggeessuudhaan addunyaa hamaa kana guutummaatti ni balleessa; warra waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan immoo badiisa irraa oolchee gara addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatutti galcha.—Mul. 16:14-16; 19:11-21.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi