-
Fakkeenya Daaniʼelirraa BaradhuMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2023 | Hagayya
-
-
6. Daaniʼel ija jabeessa akka taʼu maaltu isa gargaare?
6 Daaniʼel umurii isaa guutuu ija jabeessa akka taʼu maaltu isa gargaare? Haatii fi abbaan isaa ijoollummaa isaatti fakkeenya akka isaaf taʼan hin shakkisiisu. Warri isaa qajeelfama Yihowaan warra Israaʼelota taʼaniif kenneef ajajamuudhaan Seera Waaqayyoo ijoollee isaanii akka barsiisan ifadha. (Kes. 6:6-9) Daaniʼel seerota kanneen akka Ajajawwan Kurnanii jiran qofa utuu hin taʼin, seera wanta Israaʼelonni nyaachuu dandaʼanii fi nyaachuu hin dandeenye ibsus beeka ture.b (Lew. 11:4-8; Dan. 1:8, 11-13) Kana malees, Daaniʼel seenaa saba Waaqayyoo fi yeroo isaan ulaagaalee Yihowaa eeguu dhiisanitti maaltu akka isaanirra gaʼe beeka. (Dan. 9:10, 11) Muuxannoon guutummaa jireenya isaa keessatti argates Yihowaanii fi maleekonni isaa humna guddaa qaban akka isa deggeran amanannaa akka qabaatu godheera.—Dan. 2:19-24; 10:12, 18, 19.
-
-
Fakkeenya Daaniʼelirraa BaradhuMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2023 | Hagayya
-
-
b Daaniʼel nyaata warra Baabilon akka xuraaʼaatti kan ilaale sababiiwwan sadan kanaan kan kaʼe taʼuu dandaʼa: (1) Nyaatichi foon beelada Seericha keessatti dhorkamerraa kan qophaaʼe taʼuu dandaʼa. (Kes. 14:7, 8) (2) Nyaata foon dhiigni isaa sirriitti hin dhangalaafamnerraa qophaaʼe taʼuu dandaʼa. (Lew. 17:10-12) (3) Nyaaticha nyaachuun waaqeffannaa waaqa sobaarratti hirmaachuu akka taʼetti ilaalamuu dandaʼa.—Leewwota 7:15 fi 1 Qorontos 10:18, 21, 22 wajjin wal bira qabii ilaali.
-