LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mootummichi Bulchaa Jira!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Adoolessa
    • 10. (a) Raajiin Daaniʼel mootummaa Angiloo Ameerikaa akka gaariitti kan ibsu akkamitti? (b) Balaa akkamiirraa of eeguu qabna? (Saanduqa, “Suphicharraa Of Eegi!” jedhu ilaali.)

      10 Tokkoffaa, mootummoota addunyaa isa dura turanirraa haala adda taʼeen mootummaan Angiloo Ameerikaa kan bakka buufame sibiila jabaa kan akka warqii fi meetiitiin utuu hin taʼin makaa sibiilaa fi supheetiini. Supheen “sanyii ilmaan namootaa” argisiisa. (Dan. 2:43, milj.) Yeroo harʼaatti ifatti akka hubannutti dhiibbaan namoonni yeroo filannootti godhan, duulli mirga isaaniitiif falmuuf geggeessan, mormiin kaasanii fi sochiin dhaabbileen mirga hojjettootaa eegsisan godhan mootummaan addunyaa kun wanta yaade raawwachuun akka isatti ulfaatu godheera.

      Suphicharraa Of Eegi!

      Miila siidaa guddaa Daaniʼel mulʼataan argee fi sibiilaa fi suphee irraa hojjetame. Miila sana biratti namoota jeequmsa kakaasan, eegdota, bulchitoota addunyaa walitti qabamanii fi miseensota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgaʼii irra jirantu mulʼata.

      Raajii Daaniʼel keessatti supheen miila siidaa guddaa sana keessatti argamu ilmaan namootaa argisiisa. Namoonni kun geggeessitoota siyaasaa fi seerota isaanii irratti dhiibbaa gochuuf humna qabu. (Dan. 2:41-43) Kun nuuf balaa qabaachuu dandaʼaa? Eeyyee, qabaachuu dandaʼa. Garaa keenya eeggachuu yoo baanne ejjennoo keenya laaffisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, ilaalcha namoota mormiidhaan ykn sochii siyaasaatiin jijjiirama fiduuf yaalanii deggeruuf qoramuu dandeenya. (Fak. 4:23; 24:21, milj.) Maarree, balaa kanarraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Addunyaa kana bulchaa kan jiru Seexana akka taʼe yaadachuu qabna. (1 Yoh. 5:19) Abdiin keenya Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼes dagachuu hin qabnu.—Far. 146:3-5.

  • Mootummichi Bulchaa Jira!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Adoolessa
    • Suphicharraa Of Eegi!

      Miila siidaa guddaa Daaniʼel mulʼataan argee fi sibiilaa fi suphee irraa hojjetame. Miila sana biratti namoota jeequmsa kakaasan, eegdota, bulchitoota addunyaa walitti qabamanii fi miseensota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgaʼii irra jirantu mulʼata.

      Raajii Daaniʼel keessatti supheen miila siidaa guddaa sana keessatti argamu ilmaan namootaa argisiisa. Namoonni kun geggeessitoota siyaasaa fi seerota isaanii irratti dhiibbaa gochuuf humna qabu. (Dan. 2:41-43) Kun nuuf balaa qabaachuu dandaʼaa? Eeyyee, qabaachuu dandaʼa. Garaa keenya eeggachuu yoo baanne ejjennoo keenya laaffisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, ilaalcha namoota mormiidhaan ykn sochii siyaasaatiin jijjiirama fiduuf yaalanii deggeruuf qoramuu dandeenya. (Fak. 4:23; 24:21, milj.) Maarree, balaa kanarraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Addunyaa kana bulchaa kan jiru Seexana akka taʼe yaadachuu qabna. (1 Yoh. 5:19) Abdiin keenya Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼes dagachuu hin qabnu.—Far. 146:3-5.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi