-
‘Namoota Hedduu Gara Qajeelummaatti Fiduu’Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Fulbaana
-
-
6. Tuutni uummataa guddaan rakkina guddaarraa erga oolanii booda maaltu taʼa? ibsi. (“Gaaffii Dubbistootaa” maxxansa kana keessatti argamuu fi waaʼee duʼaa kaʼuu lafarratti raawwatamuu dubbatus ilaali.)
6 Daaniʼel 12:2 dubbisi. Tuutni uummataa guddaan yeroo dhiphinaa kanarraa erga oolanii booda maaltu taʼa? Akka kanaan dura hubachaa turretti, raajiin kun duʼaa kaʼuu fakkeenyaa isa bara dhumaa keessatti raawwatamu, jechuunis tajaajiltoonni Waaqayyoo karaa hafuuraa bayyanachuu isaanii kan argisiisu miti.c Kanaa mannaa, yaanni kun kan argisiisu duʼaa kaʼuu warra duʼanii addunyaa haaraa keessatti raawwatamudha. Akkas kan jennu maaliifi? Jechi “biyyoo” jedhu jecha Iyyoob 17:16 irratti “Awwaala” jedhame wajjin tokkodha. Dhugaan kun yaanni Daaniʼel 12:2 irratti argamu duʼaa kaʼuu guyyoonni dhumaa erga xumuramanii fi waraanni Armaagedoon erga geggeeffamee booda raawwatamu akka argisiisu ifa godha.
7. (a) Yaanni namoonni tokko tokko “jireenya bara baraatiif” duʼaa akka kaafaman dubbatu hiika akkamii qaba? (b) Duʼaa kaʼuun kun “duʼaa kaʼuu isa caalu” kan taʼe akkamitti?
7 Haa taʼu malee, yaanni Daaniʼel 12:2 irratti argamuu fi namoonni tokko tokko “jireenya bara baraatiif” duʼaa akka kaafaman dubbatu hiika akkamii qaba? Yaanni kun waggaa 1,000 keessatti namoonni duʼaa kaafamanii fi waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus beekumsa argatan ykn beekumsa argachuu isaanii itti fufanii fi ajajaman dhumarratti jireenya bara baraa akka argatan argisiisa. (Yoh. 17:3) Duʼaa kaʼuun kun duʼaa kaʼuu kanaan dura lafarratti raawwatamerra “duʼaa kaʼuu isa caalu” taʼa. (Ibr. 11:35) Maaliif? Sababiin isaas, namoonni cubbamoon kanaan dura duʼaa kaafaman deebiʼanii duʼaniiru.
8. Namoonni tokko tokko “arrabsoo fi salphina bara baraatiif” duʼaa kan kaafaman akkamitti?
8 Haa taʼu malee, sagantaa barumsaa Yihowaan qopheessu kan fudhatan namoota duʼaa kaafaman hunda miti. Raajiin Daaniʼel namoonni tokko tokko duʼaa kan kaafaman “arrabsoo fi salphina bara baraatiif” akka taʼe dubbata. Namoonni kun waan fincilaniif maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamu, akkasumas jireenya bara baraa hin argatan. Kanaa mannaa, “salphina bara baraa” ykn badiisatu isaanirra gaʼa. Kanaafuu, Daaniʼel 12:2 namoonni duʼaa kaafaman hundi wanta erga duʼaa kaafamanii booda raawwataniin kan kaʼe dhumarratti maaltu akka isaanirra gaʼu ibsa.d (Mul. 20:12) Tokko tokko jireenya bara baraa argatu, kaanimmoo hin argatan.
-
-
‘Namoota Hedduu Gara Qajeelummaatti Fiduu’Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Fulbaana
-
-
a Mata dureen kun sagantaa barumsaa isa guddaa Daaniʼel 12:2, 3 irratti ibsame ilaalchisee hubannaa kanaan dura qabnu kan sirreessudha. Wanti kun kan raawwatamu yoom akka taʼee fi kan irratti hirmaatan eenyufaa akka taʼan ni qorra. Sagantaan barumsaa kun warra lafarra jiraatan qorumsa dhumaa xumura Bulchiinsa Barkumee Kiristoosirratti jiraatuuf kan qopheessu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.
-
-
‘Namoota Hedduu Gara Qajeelummaatti Fiduu’Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Fulbaana
-
-
c Ibsi kun hubannaa kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu boqonnaa 17 (Amaariffa) fi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 1987, ful. 21-25 (Ingiliffa) irratti argamu kan sirreessudha.
d Faallaa kanaatiin, yaanni Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ‘qajeelonnii’ fi “jalʼoonni” jedhamee ibsame, akkasumas yaanni Yohaannis 5:29 irratti “warri wanta gaarii [hojjetanii]” fi “warri wanta hamaa hojjetan” jedhamee ibsame wanta namoonni duʼaa kaafaman sun duʼuu isaanii dura raawwatan argisiisa.
-