Seenaa bulchaan tokko namoonni ibidda bobaʼu keessa buufamanii akka adabaman ajaja dabarsee akka ture ibsu tokko dabalatee, ibidda bobaʼu keessa buusuudhaan adabuun galmee seenaa waaʼee Baabilon durii ibsu keessatti siʼa baayʼee caqasameera. Barreeffamni bara bulchiinsa Nebukadnezaaritti barreeffame tokko, ibiddaan gubuun adaba abbootiin taayitaa waaqolii Baabilon arrabsan ittiin adabaman akka taʼe ibsa. Barreeffamichi akkana jedha: “Isaan balleessi, isaan gubi, akkuma nama midijjaa keessatti bilcheessuutti . . . isaan waadi . . . aarri isaanii akka ol aaru godhi, akka isaan duʼaniif ibidda bobaʼu keessatti isaan gubi.”