LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • 7. Mataan bineensichaa inni torbaffaaniifi fakkeenyi bifa namaa guddaan hariiroo maalii qabu?

      7 Mataan bineensichaa inni torbaffaaniifi fakkeenyi bifa namaa guddaan sun hariiroo maalii qabu? Biritaaniyaafi boodas Yunaayitid Isteetis Bulchiinsa Roomaa keessaa kaʼan. Haataʼu malee, miillan fakkichaa maal argisiisu? Miillan kun sibiilaafi supheerraa akka hojjetaman ibsamaniiru. (Daaniʼel 2:41-43 dubbisi.) Ibsi asirratti kenname yeroo itti mataa torbaffaan, jechuunis Angiloo Ameerikaan Mootummaa Addunyaa taʼuu wajjin kan walsimudha. Akkuma sibiilli supheetti makame sibiila qulqulluurra laafaa taʼe, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaas mootummaa Roomaarra baayʼee laafaadha. Akkamitti?

      8, 9. (a) Mootummaan addunyaa torbaffaan akka sibiilaa jabaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Supheen miillan fakkichaa maal argisiisu?

      8 Yeroo tokko tokko mataan bineensichaa inni torbaffaan jabinaa akka sibiilaa argisiiseera. Fakkeenyaaf Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti injifachuudhaan olaantummaasaa mirkaneesseera. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaattis olaantummaan mataa torbaffaa inni sibiilatti fakkeeffamee ifatti mulʼateera.c Mataa torbaffaan waraana sana boodas, akka sibiilaa cimaa taʼuusaa argisiiseera. Haataʼu malee, jalqabumaa kaasee sibiilichi suphee wajjin walitti makamee ture.

      9 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf hiika miilli fakkeenyichaa qabu hubachuuf yaalaa turaniiru. Daaniʼel 2:41 miilli sibiilaafi supheerraa hojjetame kun ‘mootummaa’ tokko malee mootummaa hedduu akka taʼe hin ibsu. Kanaaf, suphichi humnoota Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa keessa jiraniifi Mootummaa Roomaa isa akka sibiilaa jabaatuu gad akka taʼu isa laaffisan kan argisiisudha. Suphichi ‘sanyii namaa’ ykn namoota iddoo guddaa hin qabne argisiisa. (Dan. 2:43, hiika bara 1899) Sochiin mirgoota namummaa, waldaan hojjettootaafi sochiin bilisummaa argachuuf godhaman, humna Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan qabu laaffisaniiru. Namoonni iddoo guddaa hin qabne, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa jabina akka sibiilaatiin tarkaanfii akka hin fudhanne laaffisaniiru. Namoonni yommuu filataman sagalee deggersaa walitti dhihaatu argachuuniifi ilaalchi wal faalleessu, geggeessitoonni biyyaa fudhatama argatanillee imaammata biyyasaanii raawwachiisuuf taayitaa guutuu akka isaan hin arganne godheera. Daaniʼel, ‘Mootummichi gar tokkoonsaa jabaa, gar tokkoonsaa laafaa’ akka taʼe raajiidhaan dubbateera.’—Dan. 2:42; 2 Xim. 3:1-3.

  • Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • 11 Baayʼinni quba miillan fakkichaa hiika addaa qabuu? Mee yaadi; Daaniʼel mulʼata gara biraa argerratti, fakkeenyaaf mataa bineensota addaddaarra gaanfonni meeqa akka jiran adda baasee caqaseera. Lakkoofsi kun caqasamuunsaas barbaachisaadha. Haataʼu malee, Daaniʼel bifa namaa fakkichaa yommuu caqasu quboonnisaa meeqa akka taʼan hin ibsine. Kanaaf, akkuma harki, miilliifi faanni miilla fakkichaa lama lama taʼuunsaanii hiika hin qabne, baayʼinni qubootasaas hiika waan qaban hin fakkaatu. Daaniʼel quboonni sun sibiilaafi supheerraa akka hojjetaman adda baasee caqaseera. Ibsa Daaniʼel kennerraa kaʼuudhaan, yommuu “dhagaan” inni Mootummaa Waaqayyoo argisiisu miilla fakkichaa rukututti mootummaan biyya lafaarratti humna guddaa qabu, Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaati jechuu dandeenya.—Dan. 2:45.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi