-
Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” MulʼiseeraMasaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
-
-
9 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf hiika miilli fakkeenyichaa qabu hubachuuf yaalaa turaniiru. Daaniʼel 2:41 miilli sibiilaafi supheerraa hojjetame kun ‘mootummaa’ tokko malee mootummaa hedduu akka taʼe hin ibsu. Kanaaf, suphichi humnoota Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa keessa jiraniifi Mootummaa Roomaa isa akka sibiilaa jabaatuu gad akka taʼu isa laaffisan kan argisiisudha. Suphichi ‘sanyii namaa’ ykn namoota iddoo guddaa hin qabne argisiisa. (Dan. 2:43, hiika bara 1899) Sochiin mirgoota namummaa, waldaan hojjettootaafi sochiin bilisummaa argachuuf godhaman, humna Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan qabu laaffisaniiru. Namoonni iddoo guddaa hin qabne, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa jabina akka sibiilaatiin tarkaanfii akka hin fudhanne laaffisaniiru. Namoonni yommuu filataman sagalee deggersaa walitti dhihaatu argachuuniifi ilaalchi wal faalleessu, geggeessitoonni biyyaa fudhatama argatanillee imaammata biyyasaanii raawwachiisuuf taayitaa guutuu akka isaan hin arganne godheera. Daaniʼel, ‘Mootummichi gar tokkoonsaa jabaa, gar tokkoonsaa laafaa’ akka taʼe raajiidhaan dubbateera.’—Dan. 2:42; 2 Xim. 3:1-3.
-
-
Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” MulʼiseeraMasaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
-
-
11 Baayʼinni quba miillan fakkichaa hiika addaa qabuu? Mee yaadi; Daaniʼel mulʼata gara biraa argerratti, fakkeenyaaf mataa bineensota addaddaarra gaanfonni meeqa akka jiran adda baasee caqaseera. Lakkoofsi kun caqasamuunsaas barbaachisaadha. Haataʼu malee, Daaniʼel bifa namaa fakkichaa yommuu caqasu quboonnisaa meeqa akka taʼan hin ibsine. Kanaaf, akkuma harki, miilliifi faanni miilla fakkichaa lama lama taʼuunsaanii hiika hin qabne, baayʼinni qubootasaas hiika waan qaban hin fakkaatu. Daaniʼel quboonni sun sibiilaafi supheerraa akka hojjetaman adda baasee caqaseera. Ibsa Daaniʼel kennerraa kaʼuudhaan, yommuu “dhagaan” inni Mootummaa Waaqayyoo argisiisu miilla fakkichaa rukututti mootummaan biyya lafaarratti humna guddaa qabu, Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaati jechuu dandeenya.—Dan. 2:45.
-